87
Leellisa Yerusaalemiif Dhikaate 
 Faaruu ilmaan Qoraahii. 
  1 Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii  
gaarota woyyoota irratti dhaabe;   
 2 Addee Yaaqoob le'u mara caalaa,  
Mootiin Waan Maraa  
seensuma karra Xiyoonii jaalata;   
 3 Ee qachaa Waaqaa,  
wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti;   
 4 Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'utti  
Gibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa;  
worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalle*Itoophiyaa: Afaan Ibrootaatiin Kuushi jedha.   
worra achitti dhalate» jedha.   
 5 Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan  
waan isii jabeessuuf,  
kolbaan tunii fi sunille,  
as isii keessatti dhalatte» hin jedhama.   
 6 Mootiin Waan Maraa  
yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu,  
«Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa.   
 7 Worri faarsuu fi worri sirbu,  
«Maddi keenna martinuu  
Xiyoon keessa jira» hin jedhan.