89
Addatamummaa Waaqaa
Wolaloo Etaanii Ezraahichaa
1 Ee Mootii Waan Maraa, ani marroo jaalala keeti ka bara baraa,
yennaa mara hin faarfadha;
addatamummaa teeti dhaloota maraaf,
afaan kiyyaan hin lallaba.
2 Jaalalli keeti ka bara baraa
jabaatee akka dhaabbate,
addatamummaa teetille
akka ol-gubba'aa akka ati dhaadde,
ani hin lallaba.
3 Ati, «Ka filadhe woliin gondooroo godheera;
tajaajilaa kiyya Daawitiif,
4 ‹Sanyii teeti haga bara baraa hin jabeessa;
barcumaa mootummaa teetii
dhalootaa haga dhalootaatitti hin dhaaba›
jedhee kakadheera» jetteerta.
5 Ee Mootii Waan Maraa,
ol-gubbaan bilbaasa keeti,
yaa'iin woyyootaa
addatamummaa teeti leellifatanuu ti.
6 Ol-gubbaa keessatti
ka Mootii Waan Maraatiin wol qixxawu eennu?
Ergantoota Waaqaa ta ol-gubba'aa keessaa
ka akka Mootii Waan Maraa jiru eennu?
7 Yaa'ii woyyittii keessatti
Mootiin Waan Maraa guddoo ka sodaatame;
worra adaala isaa jiru mara caalaa sodaachisa'a.
8 Ee Mootii Waan Maraa
Waaqa Waan Mara Dande'u,
ka akka keetii eennu?
Ati jaba'a;
Ati waan maraan addatama'a.
9 Ati bulpheessa abbaaya'aa irratti baallii qadda;
danbaliin isi'ii yennaa kaatulle, hin sarmisiitta.
10 Bineensa akka jawwe'ee ka, «Rahaab» jedhamu,
akka waan qalameetitti butuchite;
irree teeti jaddu'uun diinota keeti bittinneessite.
11 Ol-gubbaan teeti; lattille teeti;
biyya lafaatii fi waan isii keessaa mara ka dade si'i.
12 Kaabaa fi kibballe sittuu dade;
gaarri Taaboriitii fi gaarri Hermoonii
maqaa keetiif ilillisan.
13 Ati irree hunnaamettii qadda;
harki keeti jaba'a;
hunna teeti mudhisiisaaf
harki keeti middichi ol ka'eera.
14 Barcumaan mootumma'aa keeti
balchumma'aa fi haqa irra dhaabbateera;
jaalalaa fi addatamummaan siin dura deeman.
15 Ee Mootii Waan Maraa,
Kolbaan ilillisaa si leellittu,
ta ifa fuula keeti duraa keessa ideentu gammadduu ti.
16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetitti gammadan;
balchummaa teetille'een si leellisan.
17 Ati ulfinnaa fi jabeenna isaanii waan teeteef,
fudhatama si biraa dhagganneen injifanna.
18 Wonteen teenna ta Mootii Waan Maraa ti;
mootiin keennalle ka Woyyicha Israa'elii ti.
Addii Waaqi Daawitiif Kenne
19 Ati yennaa takka tajaajiltoota addatantoota teetitti,
mudhi'iin dubbattee,
«Janna tokkoof qarqaarsa kenneera;
dargaggeessa tokko
odduu kolba'aatii filee ol kaaseera.
20 Tajaajilaa kiyya Daawiti dhaggadheera;
zayitii tiyya woyyitti'iin isa muudeera.
21 Harki kiyya isa woliin hin jiraata;
irreen tiyyalle isa hin jabeessiti.
22 Diinni isa hin injifatu;
nami hamaalle gad isa hin qabu.
23 Ani nyaaphota isaa
fuula isaa duratti hin butucha;
worra isa jibbulle gad dhowa.
24 Addatamummaan tiyyaa fi
marartiin tiyya isa woliin hin jiraatan;
maqaa kiyyaan hin injifata.
25 Ani harka isaa abbaayaa*Abbaayaa: Abbaayaan tun abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. irra,
harka isaa middichalle
lagoota†Lagoota: Lagooti kun laga Xeegrosiitii fi Efraaxiisii ti. irra hin keya.
26 Inni, ‹Ati abbaa kiyya, Waaqa kiyya,
rassaa fayyinna kiyyaa ti› naan hin jedha.
27 Anille ilma kiyya angafa,
ka mootota biyya lafa mara caalu isa hin godha.
28 Ani haga bara baraa isa jaaladha;
gondooroon ani isa woliin godhelle
ijjumaa hin diigantu.
29 Sanyiin isaa haga bara baraa,
barcumaan mootummaa isaalle
akka ol-gubba'aa jabaatee akka dhaabbatu hin godha.
30 «Ijoolleen isaa ammoo
seera kiyya yoo diidde,
akka ajaja kiyyaatitti yoo deemuu dhadde,
31 seerata kiyya yoo diigane,
ajaja kiyya yoo eegatuu dhabane,
32 ani cubbuu isaaniitiif ule'een isaan adaba;
yakkaa isaaniitiif isaan hin dhaana.
33 Ammoo ani Daawiti jaalatiisa hin lakkisu,
yookiin addatamummaan ani isaaf qabu
soba hin teetu.
34 Ani gondooroo tiyya hin diigu,
yookiin dubbii afaan kiyyaa baatelle hin jijjiiru.
35 «Ani takkaa woyyummaa tiyyaan kakadheera;
ani Daawiti hin sobu.
36 Sanyiin isaa haga bara baraa,
barcumaan mootummaa isaalle
akka adu'uu fuula kiyya dura hin jiraata.
37 Mootummaan Daawitii,
akka ji'a dhugaa bayaa addatamaa gubba'aa,
haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti» jette.
38 Amma ammoo
ati ka muuddee mootii gooteetitti mufattee,
isa tuffattee gatteerta.
39 Ati gondooroo tajaajilaa keeti woliin goote diiddee,
kallacha isaa bukuu keessatti gattee batteessite.
40 Ati dalleya isaa mara jissitee,
kushee isaalle diidde.
41 Worri achiin dabaru marti isa saamane;
inni murgoo olloota ifii te'e.
42 Nyaaphota isaatiif jabeenna kennitee,
diinota isaa mara gammachiitte.
43 Qara shallaagaa isaa
gara duubaa garagalchite;
lola keessalle'etti isa hin qarqaarre.
44 Ulee bokku'uu ta isaa harkaa fuutee,
barcumaa mootummaa isaalle lafatti jissite.
45 Bara dargaggummaa isaa itti gabaassitee,
qaanii itti uffitte.
46 Ee Mootii Waan Maraa,
tun haga yoomii teeti?
Ati haga bara baraa
ifi dhoffattaa ree?
Haga yoomii mufiin teeti
akka ibiddaa bobeetti ree?
47 Barri jiruu tiyyaa
attam attam gabaabaa akka te'e yaadadhu;
ati ilmaan namaa waan bu'aa hin qanneef daddee ree?
48 Nami ijjumaa hin du'in le'uu dande'u eennu?
Awwaala jalaa ka miliquu dande'u eennu?
49 Ee Gootta'a,
jaalalli keeti ka bara baraa guddaan durii,
ka ati addatamummaa teetiin
Daawitiif kakatte meet ree?
50 Ee Gootta'a,
ana tajaajilaa keetitti attam attam
akka isaan murgane,
ani arraba gosa biyya adda addaa mara
attam attam akka ossadhe qaabadhu.
51 Ee Mootii Waan Maraa,
diinoti keeti ka ati muuddee mootii goote salphisan;
lafa inni dhaqu maratti itti murgan.
52 Mootiin Waan Maraa haga bara baraa leellifamu!
Ameen! Ameen!