Kitaaba Arfeesso'oo
90
(Far. 90—106)
Waaqi Dande'aa Bara Baraa Akka Te'e
Daadimata Muusee Nama Waaqaa
1 Ee Gootta'a, ati dhalootaa haga dhalootaatitti,
addee itti baqannu nuuf teeteerta.
2 Gaarri adoo hin dadamin dura,
yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura,
baraa haga bara baraatitti ati Waaqa.
3 Ilmaan namaa gara biyye'ee deebitta;
ati, «Ee ilmaan namaa,
gara biyye'ee deebi'a'a» jetta.
4 Woggaan kum tokko,
si'iif akkuma guyyaa kalee dabaree ti;
yookiin akkuma yennaa diqqoo halkan keessaa ti.
5 Ati namoota haxoottee dabarsita;
isaan akka oojju'uu ti;
isaan akka marra ganama quunxuu ti.
6 Marri ganama quunxee bisila;
galgala qooree goga.
7 Nuuti aarii teetiin banneerra;
mufii teetiin bararandheerra.
8 Ati yakkaa teenna ifi dura,
cubbuu teenna ta dhossa'aa
ifa fuula keetii dura keetteerta.
9 Barri keenna marti
adoo nuuti mufii teeti jala jirruu dabaran;
bara jiruu teennaa aadaatuma fixanna.
10 Barri jiruu teennaa woggaa torbaatama,
yoo bacatelle woggaa saddeettama;
woggooti sunuu
dadhabbi'ii fi rakkinna nutti fidan;
Isaan dafanee waan dabaranuuf,
nuuti koolaan kaanee dabarra.
11 Hunna aarii teetii eentu beeka?
Mufii teeti guddoo san eentu hubatuu dande'a?
12 Qaroolee akka teenu,
barri jiruu teennaa
gabaabaa akka te'e akka beennu nu barsiisi.
13 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'i!
Haga yoomii mufatta?
Tajaajiltoota teetiif gadhaa laafi.
14 Bara jiruu teennaa mara
akka gammannee ilillinnu,
ganama ganama jaalala keeti
ka bara baraatiin nu quussi.
15 Akkuma bara bacaa nu rakkitte,
akkuma woggaa bacaa waan hantuu dhaggine,
amma nu gammachiisi!
16 Hujii teeti tajaajiltoota teetitti,
ulfinna keeti ijoollee isaaniititti mudhisi.
17 Goottaa Waaqa keenna,
ila dansa'aan nu ilaali;
hujii harka keennaalle nuu milkeessi;
ee, nuu milkeessi.