94
Waaqa Balchootaaf Haluu Bayu
1 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa haluu bayu;
ee Waaqa haluu bayu,
ulfinna keeti mudhisi!
2 Ee abbaa mura'aa ka lafa tanaa, ka'i!
Worra koorameeyyi'iif waan isaaniif male kenni.
3 Ee Mootii Waan Maraa,
worri hamaan haga yoomii firinxiixan?
Isaan haga yoomii firinxiixan?
4 Isaan jechoota koora ifii gad naqan;
worri hantuu huju marti ifi jajiisaan guutamaneeran.
5 Ee Mootii Waan Maraa, isaan kolbaa teeti butuchan;
kolbaa teeti cunqursan.
6 Isaan haadhotii hiyyeessaatii fi
alagaa worra lafa teenna keessa le'u ijjeesan;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qalan.
7 Isaan, «Mootiin Waan Maraa hin dhaggu;
Waaqi Yaaqoobii tana hin hubatu» jedhan.
8 Kolbaa keessaa worri daalleen hubadha'a;
isin worri gowwaan yoom qaroolee teetan?
9 Ka gurra dade ifii hin dhage'uu?
Ka ila dade ifii hin dhagguu?
10 Ka gosa biyya adda addaa gorsu hin adabuu?
Ka ilmaan namaa barsiisu,
inni beekkumsa dhabee ree?
11 Mootiin Waan Maraa yaada namaa hin beeka;
yaadi namaa akka hafuura baafata tokkochaa
akka te'e inni hin beeka.
12 Ee Mootii Waan Maraa, nami ati gorsitu,
ka ati seera keeti barsiittu,
attam attam ka gammade.
13 Worra hama'aaf boolli haga qotantutti,
ati guyyaa rakkinnaa irraa isa foorfachiitta.
14 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin gatu;
ijoollee ifii hin lakkisu.
15 Muraan deebitee haqa irratti hin hundootti;
worri qajeelaan marti haqa gula deeman.
16 Eentu ka'ee worra hamaa naaf ka'ee morma?
Eentu worra waan hantuu huju mormiisaaf,
golii tiyya dhaabbata?
17 Mootiin Waan Maraa adoo na hin qarqaarre teetee,
silaa ani ariiti'iin du'eera.
18 Yennaa ani, «Miilli kiyya mucucaate» jedhu,
ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa na utuba*Utuba: Yookiin kipha .
19 Yennaa yaaddoon gadhaa kiyyatti bacattu,
ati na jajjabeessitee lubbuu tiyya gammachiitta.
20 Worri seera sababeeffatee maltummaa huju,
sooreyyiin hamooleen
si woliin jaalota te'uu dande'anii ree?
21 Isaan jiruu worra balchoole'ee
irratti ka'iisaaf wol qabatan;
worra yakkaa hin qannetti du'a muran.
22 Mootiin Waan Maraa kiyya ammoo
kushee naaf te'eera;
Waaqi kiyya rassaa ani itti baqadhu.
23 Waaqi yakkaa isaaniitiif isaan hin adaba;
hammeenna isaaniitiifille isaan hin balleessa;
Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan hin balleessa.