95
Faaruu Leellisaa
1 Kowa'a, Mootii Waan Maraatiif,
ilillisaa faarfannaa!
Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!
2 Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;
faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.
3 Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda'a;
waaqota mara irratti mooti'i.
4 Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti;
qacceen gaaraalle tama isaa ti.
5 Inni waan isii dadeef,
abbaayaan ta isaa ti;
lafa godduulle harkuma isaatitti dade.
6 Kowa'a, gad jennee isa waaqonfannaa!
Mootii Waan Maraa
ka nu dade duratti jilbiiffannaa!
7 Inni Waaqa keenna waan te'eef,
nuuti kolbaa inni bobbaasu,
hoolota inni tissu.
Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane,
8 «Akkuma abbootiin teessan ta durii goomolee
Mariiba'aatii fi Maasa'aa keessatti goote,
isin mataa jabeeyyii hin te'ina'a.
9 Abbootiin teessan ta durii achitti,
waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranu
haga na ilaalanee, na aarsane.
10 Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee,
‹Isaan worra karaa irraa goreeru;
karaa kiyyalle hin beenne› jedhe.
11 Ani tanaaf aaree,
‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe.