96
Waaqa Mooticha Ol Aanaa
(1 Dab. 16:23-33)
Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;
Kolbaan lafa irraa marti
Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a.
Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a;
maqaa isaa leellisa'a.
Guyyuma guyya'aan fayyisiisa isaa lassa'a.
Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa,
kolbaa maratti hujii isaa ta maade'ee lassa'a.
 
Mootiin Waan Maraa guddaa waan te'eef,
guddifamee leellifamuu male;
waaqota mara caalaa sodaatamuu male;
waaqoti gosa biyya adda addaa marti
waaqota dharaa ti;
Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.
Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura,
jabeennii fi dansummaan
addee woyyittii isaa keessa jiran.
 
Maatiin gosa biyya adda addaa
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Ulfinna maqaa isaatiif te'u
Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a;
kennansa fida'aatii gara badhinna mana isaa kowa'a.
Dansummaa woyyummaa isaatiif
Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a;
nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha'a.
 
10 Gosa biyya adda addaa maraan,
«Mootiin Waan Maraa mooti'i!
Biyyi lafaa jabaattee dhaabanteerti;
isiin ijjumaa hin tachootu;
inni kolbaa maraaf wol qixxee mura» jedha'a.
11 Ol-gubbaan gammadduu ti;
lattille firinxiixxuu ti;
abbaaya'aa fi wonni isii keessalle shookkittuu ti.
12 Ficha'aa fi wonni isa keessaa marti gammadduu ti;
achiin duuba muki badda'aa marti ilillisaa hin faarsan.
13 Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf,
fuula isaa duratti ilillisaa faarsan;
inni lafatti muriisaaf hin dhufa.
Biyya lafaatitti balchumma'aan,
kolbaa maratti dhuga'aan hin mura.