99
Waaqi Mootii Ol Aana'a
1 Mootiin Waan Maraa mooti'i;
gosi biyya adda addaa hollattuu ti!
Inni barcumaa mootumma'aa irra
odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu te'eera;
lattille tachootuu ti.
2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessatti gudda'a;
inni gosa biyya adda addaa irratti ol aana'a.
3 Maqaa keeti gudda'aa fi sodaatamaa leellisanuu ti.
Inni woyyu'u!
4 Ati mootichi hunnaamessa;
ati haqa jaalata;
waan sirrii te'e hundeessiteerta;
Israa'el keessatti haqaa fi balchummaa hujjeerta.
5 Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada'a;
miila isaa jalatti sagada'a!
Inni woyyu'u!
6 Hayyoota isaa keessaa gariin Muuse'ee fi Aaron;
worra maqaa isaa waame keessaa tokkochi Saamu'el;
isaan maqaa Mootii Waan Maraa waammatane;
innille isaaniif deebii kenne.
7 Inni utubaa duumensaa keessaa isaanitti dubbate;
isaanille qajeelfamaa fi
seerata inni isaaniif kenne eegatane.
8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna,
ati deebii isaaniif kennite;
cubbuu isaaniitiif haluu isaan baatulle,
ati Waaqa araaraa isaaniif teeteerta.
9 Mootiin Waan Maraa
Waaqi keenna woyyuu waan te'eef,
isa saada'a;
gaara isaa woyyicha irratti isa waaqonfadha'a.