100
Leellisiisaaf Mootii Waan Maraa Waamuu 
 Faaruu Galataa 
  1 Kolbaan lafa irraa marti,  
Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a.   
 2 Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a;  
gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a.   
 3 Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a;  
ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti;  
nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.   
 4 Galateeffataa gara karra isaa,  
leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a;  
isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a.   
 5 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef,  
jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa,  
addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.