101
Waadaa Mootichaa 
 Faaruu Daawitii. 
  1 Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi  
marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha;  
ee Mootii Waan Maraa  
faaruu leellisaa sii hin faarsa.   
 2 Ani jiruu komii hin qanne le'a.  
Ati yoom gara kiyya dhutta?  
Ani mana kiyya keessa  
komii malee ideema.   
 3 Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu;  
ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba;  
isiin natti hin maxxantu.   
 4 Namooti yaada micciiramaa qabanu  
na irraa fagaatanuu ti;  
ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu.   
 5 Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu,  
hin balleessa;  
nama nama tuffatuu fi  
nama kooruuf ani hin ossadhu.   
 6 Akka isaan na woliin le'anuuf,  
ilti tiyya gara worra addatamaa  
lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti.  
Nami karaa komii hin qanne ideemu  
inni na hin tajaajila.   
 7 Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u;  
nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu.   
 8 Ani guyyuma guyya'aan  
worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa;  
worra hantuu huju mara  
qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa.