106
Arjummaa Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Mudhise
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Inni dansaa waan te'eef,
haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,
Mootii Waan Maraa galateessa'a!
Hujii gugurdoo Mootii Waan Maraa
eentu lallabee dande'a?
Yookiin leellisa isaa mara
eentu lassee dande'a?
Worri haqa eegu,
worri yennaa mara balchumma'aan huju
ka gammade.
 
Ee Mootii Waan Maraa,
yennaa kolbaa teetiif waan dansaa gootu
na qaabadhu;
yennaa isaan baachu analle qarqaar.
Duroomiisa worra si'iif filamee akka dhaggu,
gammadiisa kolbaa teetiitiin akka gammadu,
kolbaa teeti woliin akka si leellisu na godhi.
 
Akkuma abbootii teennaa
nuutille cubbuu hunyeerra;
balleessineerra; waan hantuulle gooneerra.
Abbootiin teenna yennaa biyya Gibxi'ii jirtu,
hujii teeti ta baasaa hin hubanne;
gadhi-laafummaa teeti hin qaabanne;
isaan abbaayaa diintuu biratti
si irratti ka'ane.
Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa
hunna ifii jadduu mudhisiisaaf,
maqaa ifiitiif jedhee isaan baase.
Inni abbaayaa diintuu xixee,
isiille godde;
inni qilee keessa
akka goomolee keessaa isaan sooresse.
10 Inni harka nyaapha isaanii keessaa isaan baasee,
harka diinota isaanii keessaa isaan wode.
11 Bisaan diinota isaanii irra garagale;
isaan keessaa tokkolle hin hanne.
12 Achiin duuba kolbaan jecha isaa dhugeeffatte;
faaruu leellisaa isaaf faarsane.
13 Te'uu malee, isaan yoosuma waan inni huje dedhane;
gorsa isaalle hin eeganne.
14 Isaan gammoojjii keessatti sagalee dharra'ane;
goomolee keessatti Waaqa haga ilaalane.
15 Inni waan isaan gaafatane isaaniif kenne;
ammoo dhukkuba isaan golgoleessu itti fide.
 
16 Isaan addee quttumaa san keessatti Muuse'ee fi
woyyicha Mootii Waan Maraa Aaron hinaafane.
17 Latti gargar baqaxxee Daataan liqinsitee,
waa'eloota Abiiraamiille'etti cufante.
18 Worra isaan hordofu oddu'utti ibiddi gabbate;
bobe'i ibidda sanii worra hamaaleyyii muxuqi godhe.
 
19 Isaan gaara Horeebiititti jabbii hujanee,
waaqa dharaa san waaqonfatane.
20 Isaan Waaqa ulfaataa ifii,
fakkii horii marra dheeduutiin jijjiirane.
21 Isaan Waaqaa isaan baase,
ka biyya Gibxi'ii keessatti waan gugurdoo huje,
22 hujii bilbaasaa ta inni biyya Kaamii keessatti huje,
waan maade'ee
ta inni abbaayaa diintuu biratti huje dedhane.
23 Maarre Waaqi silaa isaan hin balleessa jedheeraayyu;
Muuseen inni filate sun ammoo,
mufii isaa ta isaan balleessitu isaan irraa deebisiisaaf,
odduu seenee fuula isaa dura dhaabbate.
 
24 Achiin duuba isaan lafa dansaa Kana'aanii san tuffatanee,
addii Waaqi isaaniif kenne hin dhugeeffanne.
25 Isaan dunkaanii ifii keessatti gungumane;
Mootii Waan Maraatiifille hin ajajanne.
26 Tanaaf inni harka ol fudhatee,
goomolee keessatti akka isaan du'anu kakatee,
27 sanyiin isaanii
gosa biyya adda addaa oddu'utti akka duutu,
lafa mara keessa isaan bittinneesse.
 
28 Isaan waaqa, «Ba'aal Phe'or» jedhamu
waaqonfatiisaan qabamanee,
ciincaa waaqota lubbuu hin qanneef dhikaatelle nyaatane.
29 Isaan hujii ifiitiin
Mootii Waan Maraa tuttuqanee aarsanee,
odduu ifiititti balaa buusane.
30 Fiinehaas ammoo ka'ee worra yakkaa huje adabee,
balaan sun dhaabbate.
31 Wonni inni tolche sun dhalootaa haga dhalootaatitti,
yennaa mara akka balchumma'aatitti isaaf laakkowatante.
 
32 Bisaan Mariiba'aa biratti
isaan Mootii Waan Maraa aarsane;
sababa waan isaan hujaneetiif
Muuseen rakkate.
33 Isaan akka malee waan Muusee aarsaneeranuuf,
inni dubbii dubbii hin teene dubbate.
 
34 Akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti,
isaan gosa biyya adda addaa hin balleessine.
35 Ammoo gosa biyya adda addaa woliin makamanee,
aadaa isaanii baratane.
36 Isaan waaqota dharaa,
ka tiyyoo isaanitti te'e waaqonfatane.
37 Isaan ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii
durriisotaaf ciincessane.
38 Isaan waaqota dharaa ka worra Kana'aaniitiif,
dhiiga ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii,
ta yakkaa hin qanne dhangalaasane;
lattille dhiigaan battootte.
39 Akkasiin isaan hujii ifiitiin battowanee,
akka gaarayyeeffattootaa
Waaqaaf addatamummaa dhabane.
40 Tanaaf Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiititti aaree bobe'ee,
isaan diqate.
41 Inni harka gosa biyya adda addaatitti
dabarsee isaan kennee,
diinoti isaanii bulchitoota isaanii te'ane.
42 Diinoti isaanii isaan cunqursanee,
isaan baallii isaanii jala galane.
43 Inni yennaa hedduu isaan baase;
isaan ammoo finqiliisatti jabaatanee,
yakkaa ifiitiin salphatane.
44 Te'uu malee, yennaa iyya isaanii dhage'e,
inni rakkinna isaanii ilaale.
45 Isaaniif jedhee inni gondooroo ifii qaabate;
sababa jaalala guddaa ifiitiif
isaaniif naye.
46 Worri isaan booji'e marti,
akka isaaniif nayanu godhe.
 
47 Nuuti maqaa keeti woyyicha akka galateeffannuuf,
si leellisiisaan akka ulfinna sii kenninuuf,
ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna,
ati nu baasi;
gosa biyya adda addaa keessaa wolitti nu qabi.
48 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii
bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti;
kolbaan marti «Ameen» jettuu ti.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.