Kitaaba Shaneesso'oo
107
(Far. 107—150)
Rakkoo Hedduu Keessaa Waan Baaseef Galata Waaqaaf Dhikaatu
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef,
inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,
isa galateeffadha'a.
Worri Mootiin Waan Maraa wode,
ka inni harka diinaa jalaa wode,
ka inni lafa
karaa aduun baatuu fi seentu irraa,
kaabaa fi kibba irraa wolitti qabe,
isa galateeffadha'a.
 
Worri gariin goomolee duwwaa
lafa womaa keessa hin jirre keessa daaqane;
karaa gara qachaa keessa qubatanu
isaan geessu irraa miliqane.
Isaan beelotaanee dheebotane;
addiille kutatane.
Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti
gara Mootii Waan Maraa iyyane;
innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.
Inni gara qachaa isaan keessa qubatanuu,
karaa qajeelaa irra isaan sooresse.
Jaalala isaa ka bara baraatiif,
waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatiif godheef,
isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
Inni worra dheebote dheebuu baasa;
worra beelotelle waan dansa'aan quussa.
10 Worri gariin dukkanaa fi dimma keessa,
wodaroo sibiilaatiin hidhamanee le'ane.
11 Sababille isaan jecha Waaqaa mormanee,
gorsa Waaqa Ol Aana'aa tuffatane.
12 Maarre inni hujii dadhassiittu'uun gad isaan qabe;
isaan gad jigane; ka isaan qarqaarulle hin jiru.
13 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti
gara Mootii Waan Maraa iyyane;
innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.
14 Inni dukkanaa fi dimma keessaa isaan baasee,
wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhamane kukkute.
15 Jaalala isaa ka bara baraatiif,
waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef,
isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
16 Inni balbala sageettu'uu caccasse;
danqaraa sibiilaa adda lamatti qurxe.
17 Worri gariin karaa cubbu'uu waan deemaneef
gowwoomanee, sababa yakkaa ifiitiifille farrane.
18 Isaan sagalee mara diqatanee,
du'iisa geyane.
19 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti
gara Mootii Waan Maraa iyyane;
innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.
20 Inni jecha ifii ergee isaan fayyise;
du'iisa irraa isaan hambure.
21 Jaalala isaa ka bara baraatiif,
waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef,
isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
22 Ciincaa galataa dhikeessanuu ti;
faaruu gammadaatiin hujii isaa odeessanuu ti.
23 Worri gariin hobolootaan
abbaayaa irra deemaa,
bisaan guddaa irra daldalatan.
24 Isaan waan Mootiin Waan Maraa godhu,
bilbaasa inni qilee abbaayaa gudditti'ii
keessatti huju dhaggane.
25 Inni ajajee,
hobonbolattii
danbalii abbaaya'aa ol fuutu kaase.
26 Isaan gara ol-gubba'aa ol ka'anee
gara qile'ee gad bu'ane;
rakkinna keessalle'etti addii kutatane.
27 Isaan akka nama machowee loollowanee tintimane;
waan godhanulle wollaalane.
28 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti
gara Mootii Waan Maraa iyyane;
innille rakkinna isaanii keessaa isaan baase.
29 Inni hobonbolattii sarmisiisee,
danbaliille cadhi godhe.
30 Isaan danbaliin waan cadhitteef gammadanee,
innille gara buufata hoboloo gudditti'ii
ta isaan bira geyiisaaf fedhanee isaan geesse.
31 Jaalala isaa ka bara baraatiif,
waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef,
isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
32 Isaan wolde'a kolba'aa keessatti isa saadanuu ti;
yaa'ii maanguddo'oo keessalle'etti isa leellisanuu ti.
 
33 Inni laga gara goomole'ee,
madda bisaanii gara lafa godddu'uu jijjiire.
34 Sababa worra hamoolee isii irra le'uutiif,
lafa midhaan baachu,
akka lafa booqee sooddaa ta midhaan hin baanyee godhe.
35 Inni goomolee gara baleessa bisaanii,
lafa godduulle gara madda bisaanii jijjiire.
36 Inni worri beelowaan akka achi qubatanu godhe;
isaanille qachaa keessa le'anu ijaarratane.
37 Isaan ficha'atti midhaan facaafatanee,
muka woyni'ii dhaabbatane;
midhaan bacaalle galfatane.
38 Waaqi isaan eebbisee,
isaan ijoollee bacaa horane;
horiin isaaniille akka diqqaatu hin goone.
 
39 Yennaa isaan cunqurfamiisaan,
rakkatiisaa fi gaddiisaan gad qabamane,
laakkossi isaanii diqqaate.
40 Inni qondaaltotatti salphinna fidee,
goomolee daandii hin qanne keessa akka daaqanu godhe.
41 Inni ammoo worra hiyyeeyyii farra keessaa baasee,
maatii isaanii akka hoole'ee akka horanu godhe.
42 Worri qajeelaan waan kana dhagganee gammadan;
worri hamaan ammoo afaan ifii qabatan.
43 Worri qarooleen waan kana hubatanuu ti;
jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa qalbeeffatanuu ti.