109
Iyyata Nama Rakkoo Irra Jiruu
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1 Ee Waaqa, ka ani leellifadhu,
hin cadhisin.
2 Worri hamaaleyyi'ii fi dharaameyyiin
dharaan afaan natti banatan;
arraba dharaatiin natti dubbatan.
3 Isaan na marsanee jecha jibbaa dubbatan;
sababa malee na lolan.
4 Ani isaan jaaladhulle, isaan na lolan;
ani ammoo isaaniif hin daadimadha.
5 Waan dansaa ani godheef,
isaan waan hantuu naaf deebisan;
ani isaan jaaladha;
isaan ammoo na jibban.
6 Abbaa mura'aa hamaa diina kiyya irratti kaasi;
nami isa himatu midda isaa dhaabbatuu ti.
7 Kora mura'aa duratti yakkaamessa te'ee dhaggamuu ti;
daadimati isaalle akka cubbu'uu isatti laakkowantuu ti.
8 Barri jiruu isaa gabaabbatuu ti;
nami dhibiin sooressummaa isaa fudhatuu ti.
9 Ijoolleen isaa ka abbaa hin qanne teetuu ti;
niitiin isaalle haadha hiyyeessaa teetuu ti.
10 Ijoolleen isaa daaqaa kadhattuu ti;
mana diigamaa amma keessa le'anu
keessaalle'ee ari'amanuu ti.
11 Qabeenna isaa mara
abbaan beenya'aa qabatuu ti;
waan inni itti elowee dhaggate
alagaan saamuu ti.
12 Nami isaaf nawu,
yookiin ijoollee isaa
ta abbaa hin qanne ka kunuunsu,
tokkolle hin jiraatin.
13 Sanyiin isaa dhumattuu ti;
maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa
haxowamee baduu ti.
14 Mootiin Waan Maraa
yakkaa abbootii isaa ta durii qaabatuu ti;
cubbuun haadha isaalle
haxowantee hin balleeffanti.
15 Mootiin Waan Maraa
yennaa mara cubbuu isaanii qaabatuu ti;
isaan ijjumaa lafa irraa dedhamanuu ti.
16 Namichi hamaan worra hiyyeeyyii,
worra rakkata'aa fi
worra akka malee gaddeeru ari'ee ijjeese malee,
isaaniif hin mararre.
17 Inni abaaruu jaalate; abaarsi isatti dhufuu ti;
inni eebba hin jaalatu; eebbi isa irraa fagaatuu ti.
18 Inni abaarsa akka woya'aa uffate;
abaarsi akka bisaanii gara nafa isaa,
akka zayiti'ii gara lafee isaa seenuu ti.
19 Abaarsi akka woyaa inni facaafatuu*Woyaa inni facaafatu: Lafa tokko tokkotti woyaa inni darbatu jedhan.,
akka hiituu inni guyyaa mara hidhatuu isatti te'uu ti.
20 Kun martinuu gatii Mootii Waan Maraa biraa
worri na himatu,
ka hantuu tiyya dubbatu
dhaggatu teetuu ti.
21 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ammoo
maqaa keetiif jedhii waan dansaa naa godhi;
jaalala keeti ka bara baraatiin, na baasi.
22 Ani hiyyeessa, rakkataalle waan te'eef,
gadhaan kiyya na madowe.
23 Ani akka gaaddisa galgalaa dabaraara;
akka awwaannisa muka irraa hargufanuu
hargufamiisatti jira.
24 Laamiisa irraa ka ka'e jilbi kiyya lelleqe;
nafi kiyya huqqatee googiraa te'e.
25 Diinota kiyyaaf murgoo te'e;
isaan yennaa na dhagganu mataa natti raasan.
26 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, na qarqaar;
jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na baasi.
27 Ee Mootii Waan Maraa,
wonni kun hujii harka keetii akka teete,
akka ati waan kana hujje
diinoti kiyya beekanuu ti.
28 Isaan na abaaran; ati ammoo na hin eebbitta;
isaan natti ka'an; ammoo hin salphatan;
ani tajaajilaan keeti ammoo hin gammada.
29 Diinoti kiyya salphinna akka woya'aa uffatanuu ti;
qaanii akka bullukko'oo facaafatanuu ti.
30 Afaan kiyyaan guddisee
Mootii Waan Maraa galateeffadha;
kolbaa hedduu duratti isa leellisa.
31 Sababille harka worra du'a isaanitti mure jalaa baasiisaaf,
inni midda worra rakkata'aa dhaabbatta.