110
Mooticha Mootiin Waan Maraa File 
  1 Mootiin Waan Maraa Goottaa*Goottaa: Goottaan kun Masiihii. kiyyaan,  
«Haga ani diinota keeti  
ejjata miila keetii jala kewutti,  
ati midda kiyya tee'i» jedhe.   
 2 Mootiin Waan Maraa  
Xiyoon irraa ulee bokku'uu  
ta jabeenna keetii si'iif hin erga;  
atille diinota keeti irratti mootii te'i!   
 3 Guyyaa ati diinota keeti loltu,  
kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan;  
dargaggooti teetille akka fixeensa dayya'a boru'uu,  
kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan.   
 4 Mootiin Waan Maraa,  
«Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii,  
ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera;  
inni yaada ifii hin jijjiiratu.   
 5 Mootiin Waan Maraa midda keeti jira;  
guyyaa mufii ifii mootota hin butucha.   
 6 Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura;  
reeffa isaan keessa hin guuta;  
bulchitoota lafaa duudiille hin butucha.   
 7 Mootichi madda karaa cina'aa keessaa  
bisaan hin una;  
tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata.