112
Gammada Nama Balcha'aa
1 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti;
nami Mootii Waan Maraa sodaatu,
ka ajaja isaatiin guddoo gammadu
ka gammade.
2 Sanyiin isaa lafa san keessatti
worra jabaa hin te'an;
dhalooti worra qajeela'aa hin eebbifanti.
3 Manni isaa taajurumma'aa fi
durumma'aan hin guutama;
balchummaan isaaniille
haga bara baraa hin jiraatti.
4 Nama arja'aa, nama marara'aa fi,
nama balcha'aafille,
dukkana keessalle'etti ifi isaaf hin baya.
5 Nama arjaa, liqaa namaaf kennu
wonni dansaan isaaf hin teeti.
6 Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu;
nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama.
7 Inni oduu hantuu hin sodaatu;
Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf,
gadhaan isaa hin mamu.
8 Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu;
dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga.
9 Inni arjumma'aan worra hiyyeeyyi'iif kenna;
balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti.
Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama.
10 Nami hamaan tana dhaggee hin aara;
inni ilkaan ifii qaree, hin bada;
halchaan isaalle ta bu'aa hin qanne teeti.