113
Waaqa Qarqaaraa Worra Hiyyeeyyi'ii
1 Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa,
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a.
2 Ammaa jalqabee haga bara baraa,
maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
3 Baya adu'uutii jalqabee haga seensa adu'uutitti,
maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
4 Mootiin Waan Maraa
gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana'a;
ulfinni isaa ol-gubbaa caala.
5 Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa,
Ka barcumaa mootummaa gubba'aa irra tee'u,
6 ka ol-gubba'aa fi lafa gad ilaalu eennu?
7 Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa;
worra rakkataalle
tuulaa daadha'aa keessaa ol fuudha.
8 Inni qondaaltota woliin,
qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa.
9 Maseentittiin haadha ijoolle'ee teetee,
gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha;
Mootii Waan Maraa leellisa'a.