116
Galata Nama Dhibamee Fayyee
1 Mootiin Waan Maraa
qoonqoo tiyyaa fi iyyata kiyya waan dhage'eef,
ani isa jaaladha.
2 Inni waan naa dhage'uuf,
ani bara jiruu tiyyaa mara isa waammadha.
3 Wodaroon du'aa natti maratte;
rakkoon farri addee worri du'e jiruu na qabatte;
farraa fi gaddaa keessa seene.
4 Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa,
ani si daadimadhaa na baasi» jedhee
maqaa Mootii Waan Maraa waammadhe.
5 Mootiin Waan Maraa arja'a; balchaalle'e;
Waaqi keenna marara'a.
6 Mootiin Waan Maraa
worra gad ifi qabu hin eega;
yennaa ani gad qabame, inni na qarqaare.
7 Mootiin Waan Maraa
waan dansaa waan si'iif godheef,
ee lubbuu tiyya, gara foora keetii deebi'i.
8 Ee Mootii Waan Maraa,
lubbuu tiyya du'a irraa,
ila tiyya imimmaan irraa,
miila kiyya gufatiisa irraa hamburte.
9 Maarre ani Mootii Waan Maraa dura,
lafa worra jiraata'aa keessa ideema.
10 Ani yennaa,
«Ani guddoo rakkadheera» jedheeyyuu,
dhugeeffannaa tiyya hin lakkinne.
11 Ani yennaa sodaadhe,
«Nami addatamu tokkoolle hin jiru» jedhe.
12 Waan dansaa inni naaf kenne maraaf,
ani Mootii Waan Maraatiif
maan deebisee dande'a?
13 Mootiin Waan Maraa waan na fayyiseef,
ani isa hin galateeffadha;
kennansa daadhii woyni'ii isaaf hin dhikeessa.
14 Fuula kolbaa isaa mara duratti,
ani waan waadaa gale
Mootii Waan Maraatiif hin muummessa.
15 Duuti worra woyyootaa,
Mootii Waan Maraa duratti ulfinna qaddi.
16 Ee Mootii Waan Maraa, ani tajaajilaa keeti;
ani tajaajilaa keeti, ilma garbittii teetii ti;
ati hidhaa tiyya keessaa na hiitteerta.
17 Ani ciincaa galataa si'iif hin dhikeessa;
gara keetille hin daadimadha.
18 Ani fuula kolbaa isaa mara duratti,
waan Mootii Waan Maraatiif waadaa gale
hin muummessa;
19 Tanalle badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessatti,
Yerusaalem wodhakka'atti hin godha.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.