117
Leellisa Mootii Waan Maraatiif Dhikaate 
  1 Gosi biyya adda addaa martinuu  
Mootii Waan Maraa leellisa'a;  
kolbaan martinuu isa saada'a.   
 2 Jaalalli isaa ka bara baraa  
ka inni nu'uuf qabu guddaa waan te'eef,  
addatamummaan isaa haga bara baraa ti.  
Mootii Waan Maraa leellisa'a.