118
Faaruu Injifanno'oo 
  1 Inni dansaa waan te'eef,  
jaalala isaa ka bara baraatiif  
Mootii Waan Maraa galateessa'a.   
 2 Kolbaan Israa'elii,  
«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.   
 3 Sanyiin Aaronii,  
«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.   
 4 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu,  
«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti.   
 5 Ani rakkinna kiyya keessatti  
gara Mootii Waan Maraa iyye;  
innille deebii naa kennee,  
bilisa na baase.   
 6 Mootiin Waan Maraa  
na woliin jira; ani hin sodaadhu;  
nami maan na godhuu dande'a?   
 7 Mootiin Waan Maraa  
na qarqaariisaaf na woliin jira;  
ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga.   
 8 Namatti addatiisaa mannaa,  
gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.   
 9 Qondaaltotatti addatiisaa mannaa,  
gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.   
 10 Gosi biyya adda addaa marti na marsane;  
ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin  
isaan balleesse.   
 11 Isaan gara maraan na marsane;  
ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin  
isaan balleesse.   
 12 Isaan akka kinniisaa na marsane;  
ammoo akka ibidda qore'ee dhaamane;  
ani maqaa Mootii Waan Maraatiin  
isaan balleesse.   
 13 Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye;  
Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.   
 14 Mootiin Waan Maraa  
jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya;  
inni fayyinna kiyya te'eera.   
 15 Qoonqoon gammadaatii fi injifanno'oo,  
dunkaanii worra balchootaa keessaa,  
«Harki Mootii Waan Maraa middichi  
hujii jadduu huje;   
 16 harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka'e;  
harki Mootii Waan Maraa middichi  
hujii jadduu huje» jettu dhage'ante.   
 17 Ani hin le'a malee, hin du'u;  
waan Mootiin Waan Maraa hujelle  
hin odeessa.   
 18 Mootiin Waan Maraa  
jabeessee na adabeera;  
ammoo du'aaf dabarsee na hin kennine.   
 19 Akka ani ol seenee  
Mootii Waan Maraa galateeffadhuuf,  
balbala balchumma'aa naaf bana'a.   
 20 Tun balbala Mootii Waan Maraa ti;  
karaa balchooleen seenanu.   
 21 Ati waan naa dhageetteef,  
fayyinna kiyyalle waan naaf teeteef  
si galatteeffadha.   
 22 Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,  
dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e;   
 23 Tun hujii Mootii Waan Maraa ti;  
isiin ila teennalle'etti waan baasaa ti.   
 24 Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;  
itti gammannee firinxiindhuu ti.   
 25 Ee Mootii Waan Maraa nu baasi;  
ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi.   
 26 Maqaa Mootii Waan Maraatiin  
ka dhufu ka eebbifame;  
nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna.   
 27 Mootiin Waan Maraa Waaqa;  
inni ifa nu'uuf isseera.  
Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee,  
haga gaafota addee ciinca'aa dhandhuu ti.   
 28 Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;  
ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.   
 29 Inni dansaa waan te'eef,  
jaalala isaa ka bara baraatiif  
Mootii Waan Maraa galateessa'a.