119
Seera Mootii Waan Maraa
1 Worri karaan isaanii komii hin qanne,
ka seera Mootii Waan Maraatiin ideemanu
ka gammadane.
2 Worri ajaja isaa eegatu,
ka gadhaa tokkochaan isa barbaadu
ka gammade.
3 Isaan dokonkora hin hujanu;
karaa isaa ideeman.
4 Mootii Waan Maraa,
ajaji keeti guutumatti akka eegamu,
ati ajajjeerta.
5 Ani ajaja keeti eegatiisaan,
jabaadhee adoo dhaabbadhee
attam attam halcha!
6 Ani ila tiyya ajaja keeti mara irraa
yoo hin buqqifatin,
ani hin qaanowu.
7 Muraa haqaa teeti yennaa baradhe,
ani gadhaa qajeela'aan si leellisa.
8 Ani ajaja keeti hin eegadha;
ati ijjumaa na hin lakkisin.
Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu
9 Dargaggooti attamiin karaa ifii
qulqullumma'aan eegatiisa dande'an?
Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
10 Ani gadhaa tokkochaan si barbaada;
ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.
11 Akka si hin yakkineef,
jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.
12 Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante;
seera keeti na barsiisi.
13 Ani qajeelfama afaan keetii baye mara,
afaan kiyyaan hin lallaba.
14 Akkuma nami durummaa guddo'otti gammadu,
ani qajeelfama keeti hordofiisatti
hin gammada.
15 Ani ajaja keeti irra deddeebi'ee itti hin yaada;
karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.
16 Ani seera keetiin hin gammada;
ani jecha keeti hin dedhu.
17 Akka ani le'uuf,
jecha keetiifille akka ajajamu,
ana tajaajilaa keetiif waan dansaa godhi.
18 Waan maade'ee
ta seera keeti keessaa akka dhaggu,
ila tiyya bani.
19 Ani lafa irratti alaga'a;
ajaja keeti na hin dhossin.
20 Lubbuun tiyya seera keeti halchiisaan,
yennaa mara akka malee dadhaddi.
21 Ati worra koorameeyyii abaarame,
ka ajaja keeti irraa gore,
hin xixxa.
22 Ani ajaja keeti waan eegadheef,
ati murgo'oo fi tuffii isaanii
na irraa fageessi.
23 Qondaaltoti tee'anee
mala na irratti dhowanulle,
ani tajaajilaan keeti
seera keeti itti deddeebi'ee hin yaada.
24 Ajaji keeti marti na gammachiisan;
isaan gorsitoota tiyya.
Seera Waaqaatiif Ajajamiisaaf Murteeffatuu
25 Ani du'iisa geyeera;
ati akka jecha keetiititti
lubbuu tiyya natti deebisi.
26 Ani waan jiruu tiyya keessatti te'e mara
sitti himadheera;
atille deebii naaf kenniteerta;
seera keeti mara na barsiisi.
27 Ajaja keeti na hubachiisi;
anille hujii teeti ta maade'ee
itti deddeebi'ee hin yaada.
28 Lubbuun tiyya gaddaan dadhaddeerti;
akka jecha keetiititti na jabeessi.
29 Karaa sobaa na irraa fageessi;
badhaadha keetiin seera keeti na barsiisi.
30 Ani karaa dhuga'aa filadheera;
seera keeti ifi dura keyadheera.
31 Ee Mootii Waan Maraa,
ani jaja keeti jabeessee qabadheera;
na hin qaanessin.
32 Ati waan bilisa na baatteef,
ani karaa ajaja keetii rukkisa.
Daadimata Hubantii Dhaggatiisaaf Dhikaate
33 Ee Mootii Waan Maraa,
karaa seera keetii na barsiisi;
anille yennaa mara hin hordofa.
34 Seera keeti akka ani eegadhu,
gadhaa tokkochalle'een akka ani ajajamu,
hubantii naa kenni.
35 Ani waan ittiin gammaduuf,
daandii ajaja keetii irra akka deemu na godhi.
36 Bu'aa haqa hin te'in dhaggatiisa irraa,
gadhaa kiyya gara ajaja keetii deebisi.
37 Ila tiyya waan bu'aa hin qanne irraa deebisi;
karaa keeti irratti jiruu naa kenni.
38 Akka sodaatantuuf,
Waadaa ana tajaajilaa keetiif galte muummessi.
39 Seerri keeti dansaa waan te'eef,
qaanii ani sodaadhu na irraa fageessi.
40 Kunoo, ani ajaja keeti eegatiisaaf dharra'a;
balchummaa teetiin jiruu naa kenni.
41 Ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa
gara kiyya dhufuu ti;
akka waadaa keetiititti
fayyisiis keetille gara kiyya dhufuu ti.
42 Achiin duuba ani
jecha keetitti waan addadhuuf,
worra na arrassuuf deebii hin kenna.
43 Ani seera keetitti addii waan godhadhuuf,
jecha dhuga'aa keeti dubatiisa
na hin dhooggin.
44 Ani yennaa mara,
haga bara baraa seera keeti hin eegadha.
45 Ani ajaja keeti muummessiisa
waan barbaaduuf,
bilisaan hin ideema.
46 Ani ajaja keeti mootota duratti
hin dubbadha;
hin qaaneffadhu.
47 Ani ajaja keeti hin jaaladha;
ittille hin gammada.
48 Ani harka kiyya gara ajaja keeti
ka jaaladhuu ol hin kaasa;
seerata keetille itti deddeebi'ee hin yaada.
49 Jecha keeti
ka akka ani addi'iin eegadhu goote,
ana tajaajilaa keetiif qaabadhu.
50 Waadaan keeti
jiruu waan naa kenneef,
rakkinna kiyya keessatti
jajjabeenni kiyya kana.
51 Worri koorameeyyiin
yennaa mara natti murgan;
ani ammoo seera keeti irraa hin deebine.
52 Ee Mootii Waan Maraa,
ani seeraa keeti
ka durii durii yennaa qabaadhu,
ittiin hin jajjabaadha.
53 Worri hamaaleyyiin
seera keeti waan lakkisaneef,
aariin guddoon na qabatte.
54 Addee le'u maratti ajaji keeti faaruu tiyya.
55 Ee Mootii Waan Maraa,
halkan keessa maqaa keeti qaabadha;
seera keetille hin eegadha.
56 Ani ajaja keeti eegadhe;
tunille hujii tiyya teete.
Seera Waaqaatiif Ajajamuu
57 Ee Mootii Waan Maraa,
jiruu tiyya keessatti ati qooda kiyya;
ani jecha keeti eegatiisaaf waadaa galeera.
58 Fudhatama dhaggatiisaaf,
gadhaa tokkochaan si daadimadha;
akkuma waadaa keetiititti naa marari.
59 Ani yennaa karaa keeti yaadadhu,
miila kiyya gara ajaja keetii deebifadha.
60 Ani ajaja keeti muummessiisaaf,
hin ariifadha; hin turu.
61 Worri hamaan wodaroo natti marulle,
ani seera keeti hin dedhu.
62 Muraa teeti balchitti'iif,
si galateeffatiisaaf,
ani halkan wodhakkaa hin ka'a.
63 Ani worra si sodaatu maraaf,
worra ajaja keeti eegatu maraaf jaala.
64 Ee Mootii Waan Maraa,
latti jaalala keeti
ka bara baraatiin guutanteerti;
seera keeti na barsiisi.
65 Ee Mootii Waan Maraa,
akkuma jecha keetiititti,
ati tajaajilaa keetiif waan dansaa gooteerta.
66 Ani ajaja keeti waan addadhuuf,
beekkumsaa fi hubantii dansaa na barsiisi.
67 Adoo hin rakkatin dura,
ani karaa keeti irraa goreera;
amma ammoo jecha keeti hin eegadha.
68 Ati dansa'a; wonni ati gootulle dansa'a;
seera keeti na barsiisi.
69 Worri koorameeyyiin
dharaan maqaa na balleessanulle,
ani ammoo gadhaa tokkochaan
ajaja keeti hin eegadha.
70 Isaan mataa jabaatan;
ani ammoo seera keetiin gammada.
71 Seera keeti akka baradhu,
rakkatiisi kiyya dansa'a.
72 Worqi'ii fi meetii kuma hedduu caalaa,
seera afaan keetii bayu naaf woyya.
Haqa Seera Waaqaa
73 Harki keeti na huje;
na mimmiidhasselle'e;
akka ani ajaja keeti baradhu,
qalbeeffata naaf kenni.
74 Ani jecha keetitti addii waan godhadheef,
worri si sodaatu yennaa na dhaggu
hin gammada.
75 Ee Mootii Waan Maraa,
muraan teeti dhugaa akka teete,
ani hin beeka;
ati addatamumma'aan na adadde.
76 Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti,
jaalalli keeti ka bara baraa
na jajjabeessuu ti.
77 Seerri keeti waan na gammachiisuuf,
akka le'uuf,
marartiin teeti naaf dhuttuu ti.
78 Worri koorameeyyiin
dharaan waan na himatanuuf,
qaanowanuu ti.
Ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.
79 Worri si sodaatuu,
worri ajaja keeti beeku,
gara kiyya deebi'uu ti.
80 Akka ani hin qaanonneef,
gadhaan kiyya seera keetitti
komii hin qabaatin.
81 Lubbuun tiyya
fayyisiisa keeti dharra'iisaan gaggaddi;
ani ammoo jecha keetitti addii godhadha.
82 Ilti tiyya dubbii teeti eegatiisaan dadhaddi;
ani, «Yoom na jajjabeessita?» jedhee gaafadha.
83 Ani akka qalqalluu daadhii woyni'ii
ka aara keessaa shuntuuradhulle,
seera keeti hin dedhu.
84 Ani tajaajilaan keeti haga yoomii le'inna laati?
Ati worra na miidhutti yoom murta?
85 Worri koorameeyyiin seera keetiif hin ajajanne,
boolla naaf qotane.
86 Ajaji keeti martinuu addatama'a;
namooti sababa malee waan na miidhanuuf,
ati na qarqaar.
87 Isaan diqquma lafa irraa
na hin balleessin hafane;
ani ammoo ajaja keeti hin lakkinne.
88 Akka ani ajaja keeti eegadhu,
jaalala keeti bara baraatiin,
jiruu naa kenni.
89 Ee Mootii Waan Maraa,
jechi keeti haga bara baraa,
ol-gubbaa keessatti jabaatee jiraata.
90 Addatamummaan teeti
dhalootaa irraa haga dhaloota maraatitti
hin jiraatti;
ati lafa daddeerta;
isiille jabaattee jiraatti.
91 Wonni martinuu tajaajiltoota teeti waan teeteef,
ajaja keetiin haga adhaa jabaattee jiraatti.
92 Seerri keeti adoo na hin gammachiinne teete,
rakkinna kiyyaan silaa ani badeeraayyu.
93 Ati seera keetiin jiruu waan naa kenniteef,
ani ijjumaa seera keeti hin dedhu.
94 Ani seera keeti waan barbaaduuf,
ani keeti; na hamburi.
95 Worri hamaaleyyiin na ijjeesiisaaf na gaadan;
ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.
96 Wonni dhidhinna hin qanne marti
meessaa akka qaddu dhaggeera;
ajaji keeti ammoo meessaa hin qabu.
Seera Waaqaa Jaalatiisa
97 Ani attam attam seera keeti jaaladha!
Ani guyyaa guutuu itti deddeebi'ee isa yaada.
98 Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf,
diinota kiyya caalaa qaroo na godha.
99 Ani seera keeti itti deddeebi'ee waan yaaduuf,
barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.
100 Ani seera keeti waan muummessuuf,
maanguddoota caalaa hubantii qaba.
101 Ani jecha keeti eegatiisaaf,
miila kiyya karaa hamaa mara irraa eegadheera.
102 Ati waan na barsiitteef,
ani seera keeti irraa hin gorre.
103 Jechi keeti arraba kiyyatti attam attam mi'owa!
Afaan kiyya keessatti damma caalaa mi'owa.
104 Ani seera keeti irraa hubantii dhaggadheera;
tanaaf karaa dharaa mara hin jibba.
105 Jechi keeti miila kiyyaaf issa'a;
daandii tiyyaafille ifa.
106 Seera keeti balchicha hordofiisaaf,
kakadheera; ittille hin jabaadha.
107 Ani guddoo rakkadheera;
ee Mootii Waan Maraa, akka jecha keetiititti
jiruu naa kenni.
108 Ee Mootii Waan Maraa,
leellisa fedhii tiyyaan sii dhikeessu fudhadhu;
seera keetille na barsiisi.
109 Lubbuun tiyya yennaa mara balaa bira jirti;
ammoo ani seera keeti hin dedhu.
110 Worri hamaan tiyyoo naaf afe;
ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.
111 Seerri keeti haga bara baraa
dhaala kiyya waan te'eef,
gammadi gadhaa kiyyaa isa.
112 Ani haga du'utti,
bara baraan seera keeti
muummessiisaaf murteeffadheera.
113 Ani worra yaada lamaa jibbe;
seera keeti ammoo jaaladhe.
114 Ati addee ani itti dhokadhu;
wontee tiyyalle'e.
Ani jecha keetitti addii godhadha.
115 Akka ani ajaja Waaqa kiyyaa eegadhu,
isin worri waan hantuu hujjanu
na irraa fagaadha'a.
116 Akka ani jiru'uun le'u,
akka jecha waadaa keetiititti na jabeessi;
addii tiyyaan ani hin qaanowin.
117 Akka ani bayu ati na qabi;
ani yennaa mara seera keetitti xiyyeeffadha.
118 Malli soba isaanii bu'aa waan hin qanneef,
ati worra seera keeti irraa goru mara
hin fugussita.
119 Worra hamaa lafa irraa mara
ati akka solloqqee sibiilaa hin gatta;
tanaaf, ani seera keeti hin jaaladha.
120 Foon kiyya si sodaatee hollate;
ani muraa teeti guddoo sodaadhe.
121 Ani waan dhuga'aatii fi haqaa hujeera;
ati worra na cunqursuuf na hin lakkisin.
122 Ani tajaajilaan keeti
waan dansaa akka dhaggadhu
wobii naa te'i;
worri koorameeyyiin
akka na cunqursu hin lakkisin.
123 Fayyisiisa keetii fi waadaa keeti
balchaa san eegatiisaan,
ilti tiyya dadhadde.
124 Akka jaalala keeti ka bara baraatitti,
ana tajaajilaa keeti qabadhu;
seera keetille na barsiisi.
125 Ani tajaajilaa keeti;
akka ani seera keeti beeku,
hubantii naaf kenni.
126 Ee Mootii Waan Maraa,
kolbaan seera keeti waan cassiteef,
yennaan ati waan tokko hujju amma.
127 Ani worqii caalaa, worqii qullittii caalaa,
ajaja keeti jaaladha.
128 Tanaaf ajaji keeti martinuu,
dhugaa akka te'e hin fudhadha;
karaa dharaa mara jibba.
Halchaa Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamiisaa
129 Seerri keeti maade'e;
tanaaf lubbuun tiyya isaaf ajajanti.
130 Hiiki jecha keetii ifa kenna;
worra wollaala'aaf hubantii kenna.
131 Ani ajaja keeti waan halcheef,
afaan banee eegadha.
132 Akkuma worra maqaa keeti jaalatuuf gootu,
gara kiyya deebi'iitii,
naa marari.
133 Akka jecha keetiititti
ideensa kiyya sooressi;
cubbuun akka na mootu hin lakkisin.
134 Akka ani ajaja keeti eegadhu,
cunqursaa namaa jalaa na wodi.
135 Ana tajaajilaa keetitti fuula ifi;
seera keetille na barsiisi.
136 Seerri keeti waan hin eegaminiif,
imimmaan ila tiyya keessaa
akka bisaanii yaati.
137 Ee Mootii Waan Maraa,
ati balcha'a;
muraan teetille dhuga'a.
138 Ati balchumma'aa fi
addatamummaa guutu'uun,
seera keeti baacheerta.
139 Diinoti kiyya jecha keeti waan dedhaneef,
hinaaffaan tiyya na laalessite.
140 Jechi keeti guddoo qulqullicha;
ani tajaajilaan keetille isa jaaladha.
141 Ani nama diqqaa tuffatama'a;
te'ulle ajaja keeti hin deenne.
142 Balchummaan teeti
balchummaa haga bara baraa ti;
seerri keetille dhuga'a.
143 Rakkinnii fi farri na dhaqqabeera;
ajaji keeti ammoo na gammachiisa.
144 Ajaji keeti haga bara baraa dhuga'a;
akka ani jiru'uun le'u hubantii naaf kenni.
145 Ee Mootii Waan Maraa,
ani gadhaa tokkochaan gara keeti iyya.
Ati deebii naaf kenni;
anille seera keeti hin eegadha.
146 Ani gara keeti iyya; na baasi;
anille seera keeti hin eegadha.
147 Ani adoo boruun hin dayya'in ka'ee,
qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya;
jecha keetitti addii godhadha.
148 Jecha keeti itti deddeebi'ee yaadiisaaf,
ani halkan guutuu ila wolitti hin qabanne.
149 Akka marartii teetiititti
qoonqoo tiyya dhage'i;
Ee Mootii Waan Maraa,
akka seera keetiititti
lubbuu tiyya hamburi.
150 Worri mala hamaa baafatanee
na miidhanu,
natti dhikaataneeran;
ammoo seera keeti irraa fagaataneeran.
151 Ee Mootii Waan Maraa,
ati dhikoo jirta;
ajaji keeti marti dhuga'a.
152 Bara baraan akka jiraatuuf,
akka ati seera keeti baache,
yennaa dheertu'uun dura
seera keeti irraa baradheera.
Qarqaarsa Gaafatiisa
153 Ani seera keeti waan hin dedhiniif,
ati rakkinna kiyya ilaaliitii na baasi.
154 Haajaa kiyya naaf falmiitii, na wodi.
Akka waadaa keetiititti
lubbuu tiyya hamburi.
155 Worri hamaan
seera keeti waan hin barbaanneef,
fayyinni isaan irraa fagaateera.
156 Ee Mootii Waan Maraa,
marartiin teeti guddo'o;
akka seera keetiititti
lubbuu tiyya hamburi.
157 Worri na miidhuu fi
diinoti kiyya heddu'u;
ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.
158 Worri hin addatanne
jecha keetii waan hin eeganneef,
ani isaan ilaalee diqadhe.
159 Ajaja keeti attam akka ani jaaladhu ilaali;
Ee Mootii Waan Maraa,
akka marartii teetiititti,
lubbuu tiyya hamburi.
160 Jechi keeti martinuu dhuga'a.
Seerri keeti balchichi martinuu
ka haga bara baraa ti.
Seera Waaqaatiif Ajajamiisa
161 Qondaaltoti sababa malee na miidhan;
ani ammoo gadhaa sodaatuun
jecha keeti ulfeessa.
162 Akka nama boojuu guddoo dhaggatee,
ani jecha keetitti gammada.
163 Ani dhara jibba;
hin diqadhalle'e;
seera keeti ammoo hin jaaladha.
164 Seera keeti balchaa saniif,
guyya'atti yennaa torba ani si leellisa.
165 Worri seera keeti jaalatu
nageya guddaa qaban;
wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru.
166 Ee Mootii Waan Maraa,
ani addi'iin fayyisiisa keeti eegadha;
ajaja keetille hin muummessa.
167 Lubbuun tiyya seera keeti hin eegatti;
anille guddisee seera san jaaladha.
168 Hujiin tiyya martinuu
si duratti ifa waan teeteef,
ani ajaja keetii fi seera keeti hin eegadha.
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
169 Ee Mootii Waan Maraa,
iyyi tiyya si bira geettuu ti;
akka jecha keetiititti
hubantii naaf kenni.
170 Gaaffiin tiyya si bira geettuu ti;
akka waadaa keetiititti na baasi.
171 Ati seera keeti waan na barsiittuuf,
afaan kiyya leellisa hin dhangalaasa.
172 Seerri keeti marti balchaa waan te'eef,
arrabi kiyya
marroo waadaa keetii faarsuu ti.
173 Ani ajaja keeti waan filadheef,
harki keeti na qarqaariisaaf qophowuu ti.
174 Ee Mootii Waan Maraa,
ani fayyisiisa keeti halcha;
seerri keetille gammada kiyya.
175 Akka si leellisuuf ani lubbuu jiraadhuu ti;
seerri keeti na qarqaaruu ti.
176 Ani akka hoolee baddee
karaa irraa goreera;
ani seera keeti waan hin dedhiniif,
ati ana tajaajilaa keeti barbaadi.