120
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Ittiin ol bayanu
Rakkinna kiyya keessatti
ani gara Mootii Waan Maraa iyye;
innille deebii naaf kenne.
Ee Mootii Waan Maraa,
worra dhara dubbatuu fi
soba dubbatu jalaa na baasi.
 
Ee isin worra dhara dubbatu,
Waaqi maan isin godha laati?
Inni attam isin adaba laati?
Daaya loltootaa ka qara qabuun,
kashila ibiddaa
ka muka dhaddachaatiin isin adaba.
Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee,
dunkaanii worra Qedaarii keessa le'uuf aanne'e!
Worra nageya jibbu san odduu,
ani yennaa hedduu le'e.
Ani nama nageyaa ti;
yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo,
isaan lolaaf ka'an.