127
Leellisa Arjummaa Waaqaatiif Dhikaate
Faaruu Solomoonii, Ta Ittiin Ol Bayanu
1 Mootiin Waan Maraa
mana yoo hin ijaarin,
worri mana ijaaru
akkasumaan itti elowan;
Mootiin Waan Maraa
qachaa yoo hin eegin,
eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan.
2 Mootiin Waan Maraa
worra jaalatuuf foora waan kennuuf,
bari'iin ka'iis,
turanee rafiis,
bu'aa hin qabu.
3 Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
4 Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu,
akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
5 Nami ilmaan akka daayaa mana guutate
gammaduu ti;
diinota ifii woliin
karra qacha'aa keessatti yennaa wol falme,
inni hin qaanowu.