128
Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,
ka karaa isaa ideemu ka gammade.
 
Waan harka keetiin eloottee
dhaggatte hin nyaatta;
ati hin gammadda; hin milkoottalle'e.
Niitiin teeti mana keeti keessatti,
akka muka woyni'ii
ka midhaan buusuu hin teeti;
ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,
akka lattuu muka ejersaa hin teeti.
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu
akkana hin eebbifama.
 
Mootiin Waan Maraa
gaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti;
bara jiruu teetii mara,
qananummaa Yerusaalemii dhaggi.
Ijoollee ijoollee teetii dhaggi;
 
Nageenni Israa'eliif te'uu ti.