129
Daadimata Diinota Xiyoonii Irratti Dhikaate 
 Faaruu Ittiin Ol Bayanu 
  1 Kolbaan Israa'elii,  
«Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,  
diinoti guddoo na rakkisaneeran;   
 2 «Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,  
guddoo na rakkisaneeran;  
te'uu malee na hin injifanne.   
 3 Akka nama fichaa qotuu  
dudda kiyya babbassanee,  
babadhisanee dudda kiyya madeessane.   
 4 Mootiin Waan Maraa ammoo balcha'a;  
inni wodaroo worra hama'aa  
na irraa kuteera» jettuu ti.   
 5 Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee,  
gara duubaa deebi'uu ti.   
 6 Akka marra mana irratti latee,  
adoo hin guddatin qooruu te'anuu ti;   
 7 marri sun qabaa harka nama isa haamuu,  
yookiin hanqafoo isaa hin guutu.   
 8 Worri achiin dabaru,  
«Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te'uu ti!  
Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiin  
isin eebbinna!» isaaniin hin jedhin.