130
Faaruu Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaatte
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
1 Ee Mootii Waan Maan Maraa,
ani qilee keessaa gara keeti iyya;
2 Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i!
Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.
3 Ee Mootii Waan Maraa,
ati adoo yakkaa namatti laakkottee,
ee Gootta'a silaa eennutti
si dura dhaabbatuu dande'a?
4 Ammoo akka nuuti si sodaannuuf,
ati nu'uuf araaranta.
5 Ani Mootii Waan Maraa eegadha;
Lubbuun tiyyalle hin eegatti;
addi'iin jecha isaa eegadha.
6 Eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,
ee, eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,
lubbuun tiyya Goottaa eegatti.
7 Jaalalli bara baraa
Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf,
wodiisaaf hunni guddoolle
isa bira waan jirtuuf,
ee Israa'el, Mootii Waan Maraatitti
addii godhadhu.
8 Inni yakkaa isi'ii mara irraa
Israa'el hin woda.