131
Gad Ifi Qabanee Waaqatti Addatiisa
Faaruu Daawitii, Ta Ittiin Ol Bayanu
Ee Mootii Waan Maraa,
gadhaan kiyya hin kooru;
mataa hin dhaabu;
waan gugurdoo,
yookiin waan baasaa hin huju.
Akka annuu harma irraa guutee
haadha woliin jirtuu,
ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise;
akka annuu harma irraa guutee,
lubbuun tiyya na keessatti cadhitte.
Ee kolbaa Israa'elii,
ammaa jalqabiitii haga bara baraatitti,
Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu.