132
Leellisa Galma Waaqaa 
 Faaruu Ittiin Ol Bayanu 
  1 Ee Mootii Waan Maraa,  
Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu.   
 2 Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee,  
Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee,   
 3-5 «Haga Mootii Waan Maraatiif  
addee qopheessutti,  
Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif  
haga mana ijaarutti,  
mana kiyya hin seenu;  
yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu.  
Ani hin rafu;  
yookiin hin mugu» jedhe.   
 6 Nuuti Efraata'atti  
marroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne;  
diida Yaa'ariititti isii dhaggine.   
 7 Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uu  
dhandhaa!  
Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa.   
 8 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!  
Saanduqa Gondooro'oo  
ka hunna teeti mudhisu woliin,  
gara addee foora keetii dhaqi.   
 9 Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti;  
Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti.   
 10 Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii,  
nama muudde hin lakkisin.   
 11 Mootiin Waan Maraa  
kakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane,  
Daawitiif kakatee,  
«Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha,  
ani barcumaa mootumma'aa keeti irra  
hin teessisa.   
 12 Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane,  
ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane,  
ilmaan isaaniille haga bara baraa  
barcumaa mootumma'aa keeti irra  
hin tee'an» jedheera.   
 13 Mootiin Waan Maraa  
Xiyoon waan filateef,  
qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera:   
 14 Inni, «Tun haga bara baraa  
addee foora kiyyaa ti;  
ani waan isii jaaladheef,  
addee le'u isii hin godhadha.   
 15 Waan nyaataatiin  
baceessee isii hin eebbisa;  
hiyyeeyyii isi'ii  
sagalee hin quussa.   
 16 Hayyoota isi'ii  
fayyinna itti hin uffisa;  
addatantooti isi'iille  
ilillisaa hin faarsan.   
 17 Maatii Daawitii keessaa  
mootii hin muuda;  
ka muude saniif akka inni bulchu  
karaa hin qopheessa.   
 18 Diinota isaa qaanii itti hin uffisa;  
kallachi isa irraa ammoo  
hin balaqqisa» jedheera.