133
Jaalala Kolbaa Waaqaa
Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu
1 Kolbaan Waaqaa
tokkumma'aan yennaa woliin leetu,
attam attam dansa'a;
attam attam nama gammachiisa!
2 Tokkummaan tun
akka zayitii ejersaa ta gatii guddo'oo
ta mataa irraa areeda irra gad yaatu,
areeda Aaronii irra,
haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti.
3 Tokkummaan tun
akka fixeensa gaara Hermoonii,
ka gaarota Xiyoonii irratti bu'uu ti;
eebbi jiruu bara baraa
achi irratti akka dhaggamu
Mootiin Waan Maraa ajajeera.