145
Leellisa Waaqa Mootichaaf Dhikaate 
 Faaruu Daawitii. 
  1 Ee Waaqa mootii kiyya,  
ani si hin saadadha;  
bara baraa haga bara baraa  
maqaa keeti hin leellifadha.   
 2 Guyyuma guyya'aan si hin leellisa;  
bara baraa haga bara baraa  
maqaa keeti hin saadadha.   
 3 Mootiin Waan Maraa gudda'a;  
guddoo leellifamuu male;  
guddinni isaa  
qorqoramee bira hin geyamu.   
 4 Dhalooti tokko hujii teeti  
dhaloota itti aanutti jaja;  
hujii teeti ta maade'ee hin lassa.   
 5 Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaa  
hin dubbatan;  
anille marroo hujii teeti ta baasaa  
itti deddeebi'ee hin yaadadha.   
 6 Isaan marroo hunna hujii teeti  
ta baasaa hin dubbatan;  
anille guddinna keeti hin odeessa.   
 7 Isaan marroo arjummaa teeti baca'aa  
hin jilifatan;  
Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan.   
 8 Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e;  
aari'iif hin ariifattu;  
jaalalli isaalle gudda'a.   
 9 Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a;  
inni waan ifii dade mara hin marara.   
 10 Ee Mootii Waan Maraa,  
wonni ati dadde marti si hin leellifatti;  
kolbaan teeti marti si hin saadatti.   
 11 Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii,  
marroo hunna teetii hin dubbatan.   
 12 Akka kanaan namooti marti  
hujii teeti ta baasaatii fi  
mootummaa teeti  
arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.   
 13 Mootummaan teeti  
mootummaa bara baraa ti;  
ati haga bara baraa hin bulchita.   
 14 Mootiin Waan Maraa  
worra jigaaru mara hin utuba;  
worra jigelle ol kaasa.   
 15 Ilti nama maraa gara keeti ilaalti;  
atille sagalee isaanii  
yennaa maltetti isaanii kennita.   
 16 Ati harka keeti diriirsitee,  
halchaa waan lubbuu qabu maraa  
hin quussita.   
 17 Mootiin Waan Maraa  
karaa hujii ifii maraan balcha'a;  
waan huju maraan addatama'a.   
 18 Mootiin Waan Maraa  
worra isa waammatu maraaf,  
worra dhuga'aan isa waammatu maraaf  
dhikoo jira.   
 19 Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta;  
iyya isaaniille dhage'ee,  
isaan hin baasa.   
 20 Mootiin Waan Maraa  
worra isa jaalatu mara hin eega;  
worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa.   
 21 Afaan kiyya  
leellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata;  
ka foon uffate martille  
bara baraa haga bara baraa,  
maqaa isaa woyyicha hin leellisa.