146
Waaqa Fayyisaa Leellisuu 
  1 Mootii Waan Maraa leellisa'a!  
Ee lubbuu tiyya  
Mootii Waan Maraa leellisi!   
 2 Ani bara le'ii tiyyaa mara  
Mootii Waan Maraa leellisa;  
haga jiru mara Waaqa kiyyaaf  
faaruu leellisaa hin faarfadha.   
 3 Worra isin baasuu hin dandeenne,  
qondaaltota ilmaan namaa  
itti hin addatina'a!   
 4 Isaan yennaa du'anu,  
gara biyye'ee deebi'an;  
guyyuma san karoorri isaanii hin bada.   
 5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e,  
ka Mootii Waan Maraa  
Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.   
 6 Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa,  
abbaaya'aa fi  
waan isaan keessa jiru mara dade;  
inni haga bara baraa  
addatamummaa ifii hin eegata.   
 7 Inni worra cunqurfameef  
haqaan mura;  
worra beeloteef sagalee kenna.  
Mootiin Waan Maraa  
worra hidhame bilisa baasee,   
 8 worra ballaa ila bana.  
Worra gad jedhe ol qaba;  
worra balchaa jaalata.   
 9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;  
inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fi  
haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;  
karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa.   
 10 Ee Xiyoon,  
Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa,  
dhalootaa haga dhalootaatitti,  
haga bara baraa hin bulcha.  
Mootii Waan Maraa leellisa'a.