147
Leellisa Waaqa Waan Mara Dande'uuf Dhikaatu
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
Waaqa keenna fuuru'uun leellisiis
attam attam dansa'a!
Isa leellisiis nama gammachiisa;
dansaalle'e.
Mootiin Waan Maraa
Yerusaalem deebisee hin ijaara;
namoota Israa'elii
ka bittinnowanelle deebisee hin fida.
Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
Inni laakkossa urjootaa haga beeka;
mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama.
Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a;
akka malee hunna qaba;
beekkumsi isaalle
hagana hin jedhamu.
Mootiin Waan Maraa
worra gad ifi qabu ol hin qaba;
worra hamaaleyyii ammoo
lafatti jissa;
Faaruu galataa
Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;
kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a.
Inni ol-gubbaa duumensaan golla;
lafaaf rooba kenna;
koobota irratti marri akka latu godha.
Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna;
ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyitu
inni isaan hin soora.
10 Inni jabeenna fardaatiin,
yookiin jabaanna rukkee miila namaatiin
hin gammadu.
11 Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu,
jaalala isaa ka bara baraatitti
addii godhatuun gammada.
 
12 Ee Yerusaalem,
Mootii Waan Maraa leellifadhu;
Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu.
13 Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa;
kolbaa si keessatti hin eebbisa.
14 Meessaa keeti nageya hin godha;
qamadii dansa'aan si hin quussa.
 
15 Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga;
jechi isaa ariiti'iin hin muummowa.
16 Inni dhakaa roobaa
akka fuutta'aa diriirsa;
qorra akka daadha'aa facaasa.
17 Inni dhakaa roobaa
akka katta'aa godhee gad buusa;
qorra isaa
eentu dura dhaabbatuu dande'a?
18 Inni jecha ifii hin erga;
dhakaan roobaa sun hin baqa;
qilleensi akka dhufu hin godha;
dhakaan roobaa sunille
bisaan te'ee yaa'a.
 
19 Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiititti
seera ifiitii fi qajeelcha ifii
Israa'elitti hin hima.
20 Inni gosa biyya dhibi'iitiif
akkas hin goone;
isaan seera isaa hin beekanu.
 
Mootii Waan Maraa leellisa'a.