149
Faaruu Leellisaa
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
faaruu haareya
Mootii Waan Maraatiif faarsa'a!
Wolde'a kolbaa isaa keessatti
isa leellisa'a.
Israa'elooti,
ka isaan dadeen firinxiixanuu ti;
ijoolleen Xiyoonii,
mootii ifiitiin gammadanuu ti.
Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti;
dibbe'ee fi kiraara guddichaan
isaaf faarsanuu ti.
 
Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiitiin waan gammaduuf,
worra gad ifi qabu,
akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf.
Kolbaan isaa,
ulfinna kanaan firinxiixanuu ti;
taqee ifii irralle'etti,
ililleetti'iin faarfatanuu ti.
Leellisi Waaqaa afaan isaanii keessa,
shallaagaan qara lamaa,
harka isaanii keessa jiraatuu ti.
Gosa biyya adda addaa haluu bayiisaaf,
kolbaa hedduulle adabiisaaf,
mootota isaanii wodaroo sibiilaatiin,
qondaaltota isaaniille,
sibiila miilaan hidhanuun hidhiisaaf,
muraa barreeffanteertu,
isaan irratti muunmmessiisaaf,
tun kolbaa isaaf addatante maraaf ulfinna.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.