150
Mootii Waan Maraa Leellisa'a
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
 
Addee Woyyittii isaa keessatti,
Waaqa leellisa'a!
Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti,
isa leellisa'a!
Hujii jadduu inni godheef isa leellisa'a.
Guddinna isaa,
ka waan mara caaluuf isa leellisa'a.
 
Tultulla'aan isa leellisa'a.
Kiraara guddichaa fi
maseenqo'oon isa leellisa'a.
Dibbe'ee fi shubbisiisaan isa leellisa'a.
Kiraaraa fi suusulle'een isa leellisa'a.
Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun,
isa leellisa'a.
Sibiila wolitti dhowamee,
akka malee qilillisuun isa leellisa'a.
Wonni hafuura baafatu martinuu
Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!
 
Mootii Waan Maraa leellisa'a!