3
Ergaa Wolde'a Sardeesiitii Ergante
1 «Ergamaa wolde'a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi:
«Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa'aan hin jirta, ammoo duuteerta. 2 Maarre dammaqi! Waan hafe ka du'a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine. 3 Yoona, waan fudhattee fi waan dhageette qaabadhu; ajajamiif, cubbuu irralle'ee deebi'i. Yoo dammaquu dhadde ammoo akka hattu'uu sitti dhufa; saatii tam akka ani sitti dhufulle hin beettu. 4 Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee na woliin hin ideeman. 5 Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru'uu keessaa hin haqu.
6 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.
Ergaa Wolde'a Filaadelfiya'aatii Ergante
7 «Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi:
«Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha: 8 Ani hujii teeti hin beeka. Akka ati hunna diqqoo qaddu hin beeka; te'uu malee, dubbii tiyya eeggateerta; maqaa kiyyalle hin mormanne. Kunoo, balbala banante ta eennulle cufiisaaf hin dandeenne si dura keyeera. 9 Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaameyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaaladhelle akka beekanu hin tolcha. 10 Ciniinnattee akka ossattuuf ajaja ani kenne waan eeggatteef, anille saatii haga ilaalchaa, ta worra lafa irra le'u haga ilaaliisaaf biyya lafaa duudii irratti dhuttu irraa si eega.
11 «Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu. 12 Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.21:2
13 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.
Ergaa Wolde'a Laa'odiiqeya'aatii Ergante
14 «Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi:
«Ka ‹Ameen› jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dada Waaqaa te'e akkas jedha: 15 Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu. 16 Ati ammoo bulluqowa'a malee, o'aa yookiin qabbanowaa waan hin te'iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara.
17 «Ati, ‹Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa naaf hin barbaachisu› jetta; ammoo, ati deegaa, naasisaa*Naasisaa: Gaddisiisaa, hiyyeessa, balla'aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu. 18 Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitattu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka na irraa bitattu si gorsa. 19 Ani worra jaaladhu duudii hin xixa, hin adaballe'e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle'ee deebi'i.Ibr. 12:6 20 Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage'ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata. 21 Akkuma ani injifadhee Abbaa kiyya woliin barcumaa mootummaa isaa irra tee'e, nami injifatulle na woliin barcumaa mootummaa tiyyaa irra akka tee'u hin tolcha.
22 «Nami gurra dhage'u qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uuti!» jedha.