4
Waaqonfannaa Ol-Gubba'aa
1 Kanaan duuba ani ilaalee, ol-gubba'atti balbala banante dhagge. Qoonqoon tanaan dura akka tultulla'aa anaan dubbattuun ani dhage'e, «Asi koy, waan kanaan duuba te'u ani sitti mudhisa!» jette. 2 Anille yoosuma Ayyaanaan jiraayyu; kunoo, ol-gubba'atti barcumaan mootumma'aa keyameera, barcumaa mootumma'aa san irra ka tee'eerutti jira. 3 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu. 4 Adaala barcumaa mootumma'aa san, barcumaan mootumma'aa diddamii afur jiraayyu; isaan san irralle maanguddoon diddamii afur woyaa adii uffatanee, kallacha worqi'iin hujame keyatanee tetee'aneeraniiyyu. 5 Barcumaa mootumma'aa san keessaa ifi balaqqeetti'ii, qoonqo'oo fi gikkeessi mandiisu'uu baye. Barcumaa mootumma'aa san fuula duratti ifi torba ifiisatti jiraayyu; isaan sunille Ayyaanota Waaqaa torba.Mudh. 8:5; 11:19; 16:18; 1:4 6 Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu.
Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadi lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu. 7 Dadi lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti. 8 Dadi lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubbaalle'een ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin,
«Goottaan Waaqi waan mara dande'u,
ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu,
Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!» jedhaa faarfatti.
9 Yennaa dadi arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa, 10 maanguddooti diddamii afur, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru duratti jiganee, ka haga bara baraa jiraataa te'e le'uuf sagadaaraniiyyu; kallacha ifiille barcumaa mootumma'aa dura keyanee,
11 «Ati waan mara waan daddeef,
isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef,
Waaqa Goottaa keenna,
ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda» jedhiisatti jiraniiyyu.