5
Kitaaba Marama'aa Fi Hoolicha
Achiin duuba ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru, kitaaba maramaa ka keessaa fi gubbaa barreeffamee, chaappaa torbaan dhowameeru harka middichaan qabateeruun dhagge. Ergamaan Waaqaa jabaan tokko qoonqoo guddo'oon, «Ka chaappaa irraa rigee*Rigee: Balleessee, hiikee kitaaba maramaa san banu'uu male eennu?» jedhaa lallabuun dhagge. Te'uu malee ol-gubbaa keessa yookiin lafa irra, lafaan jalalle, ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaaluu dande'u tokkolle hin jiruuyyu. Ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaalu'uu male waan hin jirreef, ani laalleffadhee bowe. Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Hin bowin! Kunoo, neenqi gosa Yihuda'aa, sanyiin Daawitii injifateera; inni kitaaba maramaa san baniisaa fi chaappaa torbaanuu irraa rigiisaaf hin dande'a» naan jedhe.
Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dada lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane. Hoolichi sun dhufee, harka middicha ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru irraa kitaaba maramaa san fuudhe. Yennaa inni kitaaba maramaa san fuudhe, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad lafatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aaKiraara gudda'aa: Baganaa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu. Isaan faaruu haareya faarfataa,
«Ati kitaaba maramaa san fudhatiisaaf,
chaappota irraa rigiisaafille ka malte;
sababille ati qalantee,
dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa,
kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa,
namoota Waaqaaf wodatteerta.
10 Waaqa keennaaf, akka isaan mootumma'aa fi
hayyoota te'anu gooteerta;
isaaniille lafa irratti hin mowan» jedhane.
11 Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miliyoona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dada lubbuu qadduutii fi maanguddootaa naannowaneeran. 12 Isaan qoonqoo guddo'oon,
«Hoolichi qalame sun,
baallii, durummaa, qarummaa, hunna,
ulfinna, guddinnaa fi
galata fudhatu'uu male» jedhanee faarsane.
13 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti,
«Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin,
ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf,
bara baraa haga bara baraa te'u» jedhaa faarfatanuun dhage'e.
14 Dadi lubbuu qaddu arfan, «Ameen!» jette; maanguddootille gad jiddee sagadde.

*5:2 Rigee: Balleessee, hiikee

5:8 Kiraara gudda'aa: Baganaa