9
1 Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oo tultullaa afuufe. Ani urjii ol-gubbaa irraa gadi buuteertu dhagge; urjii saniif furtuun boolla qile'ee kennante. 2 Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane. 3 Aara san keessaa awwaannisooti bayanee lafatti bu'ane; baalliin akka baallii makkaa*Makka: Gaadduu, qaajjibbuu jirtu kennanteef. 4 Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame. 5 Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti. 6 Guyyoota san namooti du'a barbaadan, ammoo hin dhaggatanu; du'iisaafille hin halchan, duuti ammoo isaan duraa hin baqatti.
7 Awwaannisooti fardoo lolaaf qophootte fakkaatan; mataa ifii irralle'etti waan akka kallacha worqi'ii fakkaatu keyataneeran; fuulli isaaniille fuula namaa fakkaata; 8 rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubarti'ii fakkaata; ilkaan isaaniille ilkaan neenqaa fakkaata. 9 Isaan qomoo, qomoo sibiilaa fakkaattu qaban; qoonqoon koola isaaniille hididdeessa garreettota lolaa ka fardo'oon harkifamanu heddu'uu, ka gara lolaa gulufanuu fakkaatti. 10 Isaan akka makkaa eege'ee fi ilkattii qaban. Hunni isaan ittiin namoota ji'a shan farrisiisanulle eegee isaanii irra jirti. 11 Isaan mootii qaban; innille ergamaa boolla qile'eeti; maqaan ergantichaa afaan Ibrootaatiin, «Abadoon», afaan Giriikiitiin, «Apholiyon» jedhama; akkas jechuulle, «Balleesso» jechu'u.
12 Aanneen qaraa dabarteerti; kunoo kanaan duuba ammalle aanneen lama ta dhibiin hin dhutti.
13 Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e. 14 Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, «Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichaatitti hidhamane hiiki!» jette. 15 Sanyii namaa harka sad keessaa harka tokko akka ijjeesanuuf, saatii tanaaf, guyyaa kanaaf, ji'aa kanaa fi woggaa kanaaf, ergantooti Waaqaa arfan ta qophowaneeranu hiikamane. 16 Ani laakkossa loltoota fardaan loltuulle dhage'e; laakkossi isaanii miliyoonii dhibba lama. 17 Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eerulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya. 18 Balaa sadiin afaan fardo'oo keessaa bayeen, jechuun ibiddaan, aaraa fi dhakaa bobe'uun sanyiin namaa harka sad keessaa harki tokko ijjeefante. 19 Sababille hunni fardoo sanii afaanii fi eegee isaanii keessa jirti; eegeen isaanii bofa fakkaatti; isiille mataa waan qadduuf, isaan isi'iin kolbaa miidhan.
20 Worri balaa kanaan hin du'in hafane ammalle hujii harka ifii irraa hin deebine. Isaan durriisota, akkasuma waaqota dharaa ka worqii, meetii, sageettuu, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka dhagguu, yookiin dhage'uu, yookiin ideemuu hin dandeenne waaqonfatiisa hin lakkinne. 21 Isaan ijjeechaa, xanuu, sagaagaluu yookiin hatuu irraa hin deebine.