10
Ergamaa Waaqaatii Fi Kitaaba Diqqicha
1 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata. 2 Inni Kitaaba maramaa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa irra, miila bitaacha lafa irra keyate; 3 qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte*Dhageessitte: Mandiite. 4 Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoweeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, «Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha'atti qabadhu malee, hin barreessin» qoonqoo jettu dhage'e.
5 Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase. 6 Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu! 7 Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni tajaajiltoota ifii raagotatti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti» jedhe.
8 Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha maramaa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte. 9 Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha maramaa san akka naaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe. 10 Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe. 11 Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame.