20
Mootummaa Woggaa Kumaa
1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile'eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. 2 Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti. 3 Haga woggaan kum tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhowe. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hiikamuu qaddi.
4 Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mowan. 5 Worri du'e ka hafe ammoo, haga woggaan kum tokko sun muummotutti du'aa hin kaane. Kun du'aa ka'a qaraa ti. 6 Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mowan.
Seexanni Injifatame
7 Yennaa woggaan kum tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama; 8 gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaaya'aa ti. 9 Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaalatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate. 10 Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineensii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibiddaa fi dhakaa bobe'uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran.
Muraa Muumme'ee
11 Achiin duuba barcumaa mootumma'aa adi'ii fi ka isa irra te'eeru dhagge. Ol-gubba'aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. 12 Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaaniititti murame. 13 Abbaayaan guddoolle worra du'e ka isii keessa jiru kennite; du'aa fi addeen worri du'e jiru*Addeen worri du'e jiru: Mootummaan du'aa yookiin qileen yookiin si'ool worra du'ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. 14 Achiin duuba du'aa fi addeen worri du'e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du'a lammeesso'oo ti. 15 Nami maqaan isaa kitaaba jiru'uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.