21
Ol-gubbaa Haareyaa Fi Lafa Haareya
1 Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu.2 Phex. 3:13 2 Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. 3 Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage'e; isiin barcumaa mootumma'aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba'aa jira; kolbaa wolille'een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te'an. Waaqinuu isaan woliin le'a; Waaqa isaaniille te'a. 4 Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
5 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi» naan jedhe. 6 Akkasuma, «Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna. 7 Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma naaf te'e. 8 Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe.
Yerusaalemii Haareya
9 Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, «Koy; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa» naan jedhe. 10 Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise. 11 Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo'oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi'ii ti. 12 Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera. 13 Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira. 14 Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.
15 Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikii*Mikii: Ulee ittiin safaranu ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu. 16 Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaa†Staadiyaa: Staadiyaan waan dheerinna woyii beekiisaaf itti fayyadamanu; staadiyaan kum kudhanii lama kiiloomeetira kuma lamaa fi dhibba lama te'a kuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e. 17 Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e. 18 Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera. 19 Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos, 20 ka shaneesso'oo sardoniikis, ka jayeesso'oo saardiyon, ka torbeesso'oo kirisoliixos, ka saddeetesso'oo beerilos, ka sagaleesso'oo tophaaziyon, ka kudhaneesso'oo kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo ametiisxos. 21 Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaw'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera. 22 Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine. 23 Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu. 24 Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan. 25 Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu. 26 Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan. 27 Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.