3
1 Eegasuu bu'aan Yihudii te'iisaa maan ree? Yookiin gatiin haqanqabaa qabatiisaa maan? 2 Dhugumaan Yihudii te'iis karaa maraanuu gatii guddoo qaba! Wonni guddaan Waaqi magannee jecha ifii Yihudootatti kennatiisa. 3 Yihudoota keessaa gariin yoo hin addatamin, addatamiisa dhabiisi isaanii addatamiisa Waaqaa hin hamburaa ree? 4 Ijjumaa hin hamburu!
«Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta;
worra si himatulle hin injifatta» jedhantee
akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle,
Waaqi dhugaamessa.
5 Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha. 6 Ijjumaa waawwo'o! Waaqi balchaa yoo hin te'in, attamiin biyya lafaatitti mura ree?
7 Ammoo addatamuu dhabuun kiyya addatamiisa Waaqaa mudhittee, baceenna ulfinna isaa ka mudhittu yoo teete, maaf haga ammaa akka cubbaalessaa natti murama ree? 8 Namooti gariin, «Waan dansaa fidiisaaf, kowa'a waan hantuu huyna» jedhaa akka waan ani barsiisuu fakkeessanee na himatan; tanaaf worra akkasii irratti muraan murantu tama isaanii malte.
Balchaan Hin Jiru
9 Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera.
10 Akkuma barreeffante:
«Nami balchaan tokkolle hin jiru,
tokkolle hin jiru;
11 ka hubatulle hin jiru;
ka Waaqa barbaadatulle hin jiru.
12 Martinuu worra gatii hin qanne te'aneeran;
wol qabatanee dokonkoraneeran.
Hujii dansaa ka huju tokkolle hin jiru;
13 Jecha nama miidhu dubbatiisaaf,
afaan isaanii akka awwaala banamee ti;
arraba ifiitiin hin soban;
dubbiin hidhiin isaanii dubbattulle
ta akka hadhaa dhudhuufa'aa nama miitu;
14 afaan isaanii abaarsaa fi
dubbii hadhoottu'uun guutameera.
15 Miilli isaanii dhiiga namaa jissiisaaf ariifata;
16 addee isaan dhaqane mara badi'ii fi deegatti jira.
17 Karaa nageyaalle hin beekanu;
18 Waaqa sodaan isaan bira hin jirtu» jedha.
19 Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti. 20 Tanaaf eennulle Seera muummessiisaan Waaqa duratti hin balchoomu; Seerri nami maraa cubbicha akka te'e mudhisa.
Dhugeeffanna'aan Balchoomuu
21 Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran. 22 Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna. 23 Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera*Ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera: Ulfinna addee Waaqi jiruu irralle'ee fagaateera. 24 Ammoo karaa wodoo te'iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera. 25 Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe. 26 Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa.
27 Yoona wonni ittiin ifi jajnu maanti jira ree? Womaa! Maaf ifi jajuu dhanna ree? Waan Seera muummessinuufii? Waawwo'o; ammoo dhugeeffanna'aan. 28 Maarre nami waan Seerri ajaju muummessiisaan adoo hin te'in, dhugeeffannaa calla'aan Waaqa duratti akka balchoomu dhaggina. 29 Yookiin Waaqi Waaqa Yihudootaa calla'aa? Inni Waaqa worra Yihudoota hin te'iniitille'ee motii? Ee, ka worra Yihudoota hin te'iniitille'e. 30 Waaqi tokkocha; Yihudootalle te'e, worra Yihudoota hin te'in dhugeeffannuma isaaniitiin ka balchoonsu isa.Gal. 3:20 31 Eegasuu dhugeeffanna'aan Seera hin diinna jechu'uu ree? Waawwo'o; diigiisaan irra, Seera jabeessinee qabanna.