4
Fakkeenna Te'iisa Abrahaamii
1 Marroo Abrahaamii, abbaa sanyii teennaa maan jenna ree? Inni maan dhaggate? 2 Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u. 3 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha. 4 Mindaan nama hojjateef kaffalamu, gatii hujii isaa ti malee, akka kennansaatitti hin laakkowamu. 5 Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti hin laakkowantiif. 6 Nami Waaqi hujii dansaa malee balchoonsu, nama badhaadhe akka te'e Daawitille dubbatee,
7 «Worri yakkaa isaaniitiif araarri kennamee fi
cubbuun isaaniille haqanteef
ka badhaadhe!
8 Nami Goottaan cubbuu isaa itti hin laakkonne
ka badhaadhe» jedheera.
9 Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef» jenna. 10 Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma'atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti. 11 Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a. 12 Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille'eef abba'a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te'in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te'e.
Waadaan Waaqaa Karaa Dhugeeffanna'aatiin Muummotte
13 Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti. 14 Worri dhaalu worra Seera muummessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu. 15 Seerri mufii Waaqaa fida; addee Seerri hin jirretti ammoo, Seera dabariis hin jiru.
16 Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoweera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a.Gal. 3:7 17 Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu'uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du'e du'aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale. 18 Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu'uu te'e. 19 Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du'a geye, yookiin gadaamessa Saara'aalle ka dewuu hin dandeenne herregee dhugeeffanna'aan hin dadhanne. 20 Inni dhugeeffanna'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne. 21 Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te'elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu. 22 Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma'atti isaa laakkowante. 23 Te'uu malee jechi, «Balchumma'atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in, 24 nu'ulle'eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du'aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma'atti nu'uuf hin laakkowanti. 25 Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du'aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du'aa ka'e.