6
Cubbuu Jalaa Du'anee Kiristoosiin Le'uu
Yoona maan jenna ree? Badhaadhi Waaqaa akka bacatuuf ittuma cubbuu hunyaa ree? Waawwo'o! Nu worri cubbuu jalaa duune, attam cubbuma jala jiraanna ree? Nu worri Yesuus Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphanne maraa, du'a isaalle qoodamiisaaf akka cuuphanne hin beettanuu ree? Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du'a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba'aatiin du'aa ka'e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna.
Du'a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du'aa ka'iisa isaatille'een isa woliin tokko hin teena. Le'iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu'uu te'iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna. Nami du'e hunna cubbu'uu jalaa bilisa bayeera. Yoona yoo Kiristoos woliin duune, isa woliin jiru'uun akka leenu hin dhugeeffanna. Kiristoos waan du'aa ka'eef, deebi'ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna. 10 Inni yennaa du'e akka cubbuun isa irratti hunna hin qabaanneef, takkumaan yennaa maraaf du'e; ammalle yennaa jiru'uun le'u, Waaqaaf le'a. 11 Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa'a.
12 Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du'u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina'a. 13 Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu'uu gootanee cubbu'uuf hin dhikeessina'a; ammoo akka worra du'a keessaa bayee gara jiru'uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa'a; nafa keessan duudii meya balchumma'aa godha'aatii Waaqaaf dhikeessa'a. 14 Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu.
Garboota Balchumma'aa
15 Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo'o! 16 Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan. 17 Isin dur garboota cubbu'uu ti; amma ammoo barumsa fudhattaneef gadhaa guutu'uun waan ajajantaneef, Waaqi galatoomu. 18 Cubbuu jalaa baatanee garboota balchumma'aa teetaneertan. 19 Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkuma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma'aatii fi jallu'uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessanii maraa woyyoomu garba balchumma'aa godha'aatii dhikeessa'a.
20 Isin yennaa garboota cubbu'uu teetane, balchummaa jalaa bilisa jirtaniiyyu. 21 Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yennaa san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniille du'a! 22 Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma'aalle jiruu bara baraa ti. 23 Gatiin cubbu'uu du'a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.