7
Seera Jalaa Bilisa Te'uu
1 Obboleeyyan tiyya! Ani worra seera beekuuf dubbadha. Seerri haga nami jiru'uun jiru qofa nama irratti baallii qaba. 2 Fakkeennaaf, dubartiin heerumte takka, haga dhirsi isi'ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du'e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti. 3 Tanaaf dhirsi isi'ii adoo jiruu, dhiira dhibii yoo heerumte, gaarayyeeffattuu jedhanti. Dhirsi isi'ii yoo du'e ammoo, isiin seera isatti hidhante jalaa hin baati; dhirsa dhibii yoo heerumtelle gaarayyeeffattu'uu moti. 4 Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan. 5 Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du'aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu. 6 Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu.
Seeraa Fi Cubbuu
7 Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu'u jennuu ree? Waawwo'o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, «Hin kajeelin» jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu. 8 Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka na keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e. 9 Yennaa dur Seerri hin jirre ani jiru'uun le'eera; ammoo yennaa ajaji Seeraa dhufe cubbuun jiruu dhaggattee, 10 ani du'e. Ajaji Seeraa ka jiru'uuf kennamelle du'a natti fide. 11 Cubbuun karaa ajaja Seeraatiin na soddee, na ijjeette.
12 Maarre, Seerri woyyu'u; ajaji isaalle woyyu'u, balcha'aa fi dansa'a. 13 Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a natti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a natti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete.
Wodhaantoo Jiruu Namaa Keessa Jirtu
14 Seerri ayyaanticha akka te'e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu'uu te'iisaaf gurgurameeru. 15 Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin godhu, ammoo waan jibbu godha.Gal. 5:17 16 Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te'e wolii gala. 17 Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu na keessa jirtu malee anaa moti. 18 Ana keessa yookiin namummaa kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne. 19 Ani waan dansaa godhiisaaf barbaade hin godhu; ammoo hantuu godhiisaaf hin barbaanne godha. 20 Ani yoo waan godhiisaaf hin barbaanne godhu teete, ka kana godhu cubbuu na keessa jirtu malee, anaa moti.
21 Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma'aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha. 22 Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada. 23 Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin na keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera. 24 Ani nama farraamessa attamiiti! Foon gara du'aa na geessaaru kana jalaa eentu na baasa? 25 Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Waaqaaf te'u!
Maarre, qalbii tiyyaan ani garbicha Seera Waaqaa ti; foon kiyyaan ammoo garbicha seera cubbu'uu ti.