8
Ayyaana Waaqaatiin Jiraachuu
1 Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le'u, amma muraa yakka'aa jala hin jiru. 2 Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu'uutii fi du'aa jalaa na baaseera. 3 Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure. 4 Nu worra akka fedha foonii adoo hin te'in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe. 5 Worri akka fedha foonii le'u waan foonii, worri akka fedha Ayyaanaa le'u ammoo waan ayyaanticha yaadatan. 6 Yaada fooniitiin mowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna. 7 Nami yaada fooniitiin mowamu diina Waaqaa ti; sababille inni Seera Waaqaatiif hin ajajamu; ajajamiisaafille hin dande'u. 8 Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande'u.
9 Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti. 10 Yoo Kiristoos isin keessa jiraate, sababa cubbu'uutiif nafi*Nafi: Foon keessan du'ulle, sababa balchumma'aatiif Ayyaanni jiruu isinii kenna. 11 Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna.1 Qor. 3:16 12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Nuuti waan godhuu qannu qanna; wonni godhuu qannu sunille akka fedha foonii le'iisaa moti. 13 Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru'uun leetan. 14 Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti. 15 Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba'a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda'aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.Mar. 14:36; Gal. 4:6 16 Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya. 17 Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna.
Ulfinna Dhufu
18 Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa. 19 Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda'aan eegiisatti jirti. 20 Dadi duudiin ta gatii hin qanne akka teetuuf itti murameera; kunille fedhii ifiitiin adoo hin te'in, fedhii Waaqa akka dadi duudiin addi'iin eeggattu godheetiin teete. 21 Addiin sunille ta dadi duudiin gaafa tokko garbummaa badi'ii jalaa baatee, ulfinna bilisummaa ijoollee Waaqaa qoodantu. 22 Dadi duudiinuu haga ammaa ciniinsifatiisaan aadiisatti akka jirtu hin beenna. 23 Dada qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra.2 Qor. 5:2-4 24 Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru†Waan fudhanneerru: Waan ilatti mudhatu yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree? 25 Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eeganna.
26 Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dandeenneen nu'uuf daadimata. 27 Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata.
28 Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna. 29 Worri inni dursee filate akka Ilma isaa fakkaatuu fi Ilmi isaalle obboleeyyan hedduu oddu'utti angafa akka te'uuf, waan Waaqi dursee murteesseeruuf tun teete. 30 Worra dursee murteesse waameera; worra waamelle balchoonseera; worra balchoonselle ulfeesseera.
Jaalala Waaqaa
31 Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a? 32 Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree? 33 Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa. 34 Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du'ee, du'a keessaa ka'ee midda Waaqaa jiru, nu'uuf daadimatiisatti jira. 35 Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko'oo moo farra? Miidha'a‡Miidha'aa: Ari'ama moo beela? Daara moo bala'a? Yookiin du'aa ree? 36 Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Si'iif jennee guyyuma guyya'aan ijjeefanna;
akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu.
37 Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra. 38 Du'alle te'ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te'ee bulchitooti ol-gubba'aa, wonna amma jirulle te'ee wonni dhufu'uuf jiru, hunnootalle yoo te'e, 39 wonna gubbaa jirulle te'ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te'e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande'ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.