9
Waaqaa Fi Kolbaa Isaa
Ani ka Kiristoosii waan te'eef dhuguma dubbadha; ani hin sobu. Wodanaan kiyya ka Ayyaana Woyyichaan sooreffamulle, akka ani hin sonne dhugaa naaf baya. Ani gadda gudda'aa fi laalaa hin lakkinne gadhaa kiyya keessaa qaba. Gosa tiyya ta hiddaa hidaada kiyya teeteef jedhee, Kiristoos irraa gargar bayee adoo abaarame hin jaaladha. Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqonfannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale; isiin sanyii abbootii teenna gugurdo'oo ti; Kiristoosille*Kiristoosille: Masiihiille, akka namumma'aatitti gosa isi'ii keessaa dhalate; WaaqiWaaqi: Kiristoosiin waan mara bulchu, haga bara baraa leellifamu! Ameen.
Te'uu malee jechi Waaqaa diigameera jechu'uu moti; kolbaan Israa'elii mara dhugumaan kolbaa Israa'eliitii moti. Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, «Sanyiin teeti sanyii Yisihaqiitiin waammanti» jedheera. Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoollee Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte. Waadaan sunille jecha, «Bara dhufu yennaa akkasii yennaa ani deebi'ee dhufu, Saaraan ilma deetteerti» jedhu.
10 Kana qofaa moti, Ribqaan ilmaan lakkuu abbuma tokkochaaf, abbaa sanyii teennaa Yisihaqiif yennaa ulfootte, 11 filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkolle dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura, 12 Waaqi Ribqa'aan, «Angafichi maandhicha tajaajila» jedhe. 13 Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Ani Yaaqoob jaaladhe,
Esaawu ammoo jibbe» jedhu.
14 Yoona maan jenna ree? Waaqi sirri'ii moti jedhuu dandeennaa? Ijjumaa hin dandeennu! 15 Waaqi Muuse'een, «Ani kama mararuu barbaadeef marara; kama nawuu barbaadeefille naya» jedhe. 16 Tanaaf, wonni marti marartii Waaqaa qofa irratti hundootti malee, waan nami fedhu yookiin godhu irrattii moti. 17 Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, «Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe» jedha. 18 Maarre Waaqi nama fedhe marara, nama fedhelle mataa jabeessa.
Mararti'ii Fi Mufii Waaqaa
19 Isin keessaa nami tokko, «Yoo akkana teete, Waaqi attam dande'ee balleessaa nama irratti dhagga? Fedhii Waaqaa eentu mormuu dande'a?» anaan hin jedha fa'a. 20 Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, «Maaf akkana na dhootte?» jedhuu dandeetti? 21 Nami faara dhowu tokko, loobaa faaraa tokkochuma irraa, meya tokkocha ulfinnaaf, kaan woma te'eef akka te'u godhee dhowiisaaf baallii hin qabuu? 22 Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiisaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophowe san ciniinnatee ossate. 23 Worra ulfinna ifiitiif dursee qopheesse, ka akka marartiin isaa irratti mudhattu itti dhangalaaseefille, ulfinna ifii guddaa mudhisuu barbaade. 24 Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera. 25 Inni kitaaba Hose'aa keessatti,
«Worra kolbaa tiyya hin te'in,
‹Kolbaa tiyya› jedhee hin waama;
kolbaa hin jaalatannelle,
‹Jaalatantuu tiyya› jedhee hin waama.
26 Adduma, ‹Isin kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti,
‹Ijoollee Waaqa jiraata'aa› jedhamanee
hin waamaman» jedha.
27 Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, «Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofatti fayya; 28 Goottaan adoo hin turin ariifatee kolbaa biyya lafaa maratti hin mura» jedheera. 29 Akkasuma Isaayaas duraan dursee, «Goottaan Waan Mara Dade adoo sanyii garii nu'uuf hamburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra» jedheera.
Israa'elii Fi Oduu Gammadaa
30 Yoona maan jennuu ree? Worri Yihudoota hin te'in, ka balchummaa hin hordofin, balchummaa dhaggate; balchummaan tun ammoo ta dhugeeffanna'aan dhaggantu. 31 Israa'eliin Seera balchummaa fidu hordofaa turte ammoo, seera muummessiisa waan hin dande'iniif balchummaa bira hin geenne. 32 Maaf bira hin geyin? Sababille isaan dhugeeffanna'aan adoo hin te'in, huji'iin balchummaa dhaggatiisaaf barbaadane. Isaan dhakaa gufachiisuun gufatane. 33 Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu,
rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya,
ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu» jedhu.

*9:5 Kiristoosille: Masiihiille

9:5 Waaqi: Kiristoosiin