Kitaaba Ruutii
Seensa
Dabarsiin Ruutii ta nageyaan guutante, bara hammeennaa ka kitaaba abbootii mura'aa keessatti himame keessa dhaggante. Dubartii biyya Mo'aabii ta teete, Ruuti, namicha Israa'elicha tokko heerumtee turte. Inni yennaa du'e, Ruuti, haadha sodda'aa ta ifii Israa'elitti'iif addatamummaa baaseffachiittu mudhittee, Waaqa Israa'eliitiifille gad fageennaan ifi kennite. Muummee irratti, fira dhirsa isi'ii ka durii keessaa, dhirsa dhibii heerumtee, karaa heeruma kanaatiin, mooticha Israa'elii guddaa ka te'e, abuuboo Daawitii teeti.
Dabarsiin kitaaba abbbootii mura'aa keessa jirtu, kolbaan Waaqaa yennaa isa irraa fagaatte badii isaan irra geette mudhitti. Dabarsiin kitaaba Ruutii keessaalle, dubartii ormaa ta gara Waaqa Israa'elii deebite takka eebba isiin dhaggattee fi golii kolbaa addatantuu Waaqaa akka isiin teete mudhitti.
Haadhoo Dubbi'ii
Naa'oom Ruuti woliin gara Beeteelemii deebite1:1-22
Ruuti Bo'aziin wol dhaggite2:1—3:18
Bo'az Ruuti fuudhe4:1-22
1
Eliimelekii Fi Maatiin Isaa Biyya Mo'aabiititti Godaanane
1 Bara durii, yennaa abbootiin mura'aa biyya Israa'elii bulchitu, beelti biyyatti buunaan, namichi tokko ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa, haadha manaa ifiitii fi ijoollee ifii ta dhiiraa lamaan woliin gara lafa Mo'aabii godaane. 2 Maqaan namicha sanii Eliimelek; haati manaa isaalle Naa'oom; ilmaan isaa lamaan ammoo Maahiloonii fi Kiliyoon. Isaan dhalootaan worra Efraata'aa, ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa ti. Isaan biyya Mo'aabii dhaqanee achi qubatane. Adoo achi le'anuu, 3 abbaan manaa Naa'oomii, Eliimelek du'e. Isiin ilmaan ifii lamaan woliin hatte. 4 Isaan lamaanuu durra gosa Mo'aabii fuudhane; maqaan takka'aa Orpha'a, tuun ammoo Ruuti. Gara woggaa kudhanii achi le'aneeranuun, 5 Maahiloonii fi Kiliyoonille du'ane; tanaaf Naa'oom abbaa manaa ifiitii fi ilmaan ifii lamaanuu dhaddee hatte.
Naa'oomii Fi Ruuti Gara Beeteelemii Deebi'ane
6 Naa'oom adoo biyya Mo'aabii jirtuu, akka Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii qaabatee midhaan kenneef waan dhageetteef, niitota ilmaan ifii woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf kaate. 7 Maarre isiin addee le'aa turte sanii kaatee, niitota ilmaan ifii lamaanuu woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf deemiisa jalqabane. 8 Naa'oom ammoo niitota ilmaan ifii lamaaniinuu, «Gara mana haadhotii teessanii deebi'a'a. Akkuma isin anaa fi worra isin irraa du'eef dansaa gootane, Mootiin Waan Maraa waan dansaa isinii godhu. 9 Tokko tokkoon keessanuu deebitanee heerumtanee, bulii dansaa akka dhaggattanu Mootiin Waan Maraa isin qarqaaru» isaaniin jette.
Achiin duuba isiin sunqattee nageya itti dhaante; isaan ammoo iyyanee bowanee, 10 «Waawwo'o, nuuti si woliin gara kolbaa teetii ideenna» isi'iin jedhane.
11 Naa'oom ammoo, «Durra tiyya, deebi'a'a, maaf na woliin deentan? Ani ilmaan dhibii ta isin dhaaltu gadhaa kiyya keessaa qaba seetanii? 12 Durra tiyya, deebi'a'a, karaa keessan qabadha'a, ani akka malee waan dulloomeef hin heerumu. Ani silaa yoo addii qabaadheeyyuu, edanumaayyuu heerumee, ilmaanille deye, 13 haga isaan gugurdatanutti hin eegattanii? Tanaaf jettanee heeruma dhaddanii ree? Waawwo'o, durra tiyya, waan harki Mootii Waan Maraa natti fideen, akkas te'uun keessan guddoo na gaddisiitteerti» isaaniin jette.
14 Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda'aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante. 15 Maarre Naa'oom, Ruutiin, «Ilaa, Masaanuun teeti gara kolbaa ifiitii fi waaqota ifii deebiteerti; atille masaanuu*Masaanuu: Masaanuun tun niitii obboleessa dhirsa isi'ii ti. teeti gula deebi'i» jette.
16 Ruuti ammoo, «Si biraa akka deemu yookiin duubatti akka deebi'u na hin uttisin! Addee ati deentu, anille hin deema; addee ati leetu, anille hin le'a; kolbaan teeti kolbaa tiyya, Waaqi keeti Waaqa kiyya naa hin te'a. 17 Addee ati itti duututti, anille hin du'a; achitti hin awwaalama, du'a malee wonni si irraa gargar na baasu yoo jiraatte, Mootiin Waan Maraa natti muruu ti!» jette.
18 Naa'oom akka Ruuti isii woliin deemiisaaf murteeffatte yennaa dhaggite, dabaltee womaa hin dubbanne.
19 Maarre isaan lamaan haga Beeteelem geyanutti deemane. Yennaa isaan Beeteelem geyane, qachaan duudiin sababa isaaniitiif girrise; dubartootille, «Tun dhugumaan Naa'oomii?» jedhane. 20 Isiin, «Naa'oom†Naa'oom: Afaan Ibrootaatiin Gammada yookiin gammachiisaa jechu'u. jettanee na hin waamina'a, Waaqi Waan Mara Dande'u jiruu tiyya waan natti hadheesseef, ‹Maaraa‡Maaraa: Afaan Ibrootaatiin Gadda yookiin hadhowaa jechu'u.› naan jedha'a! 21 Guutuu asii baye, Mootiin Waan Maraa ammoo duwwaa deebisee na galche; eega Mootiin Waan Maraa na rakkisee, Waaqi Waan Mara Dande'u waan hantuu natti fidee, maaf, ‹Naa'oom› naan jettan?» jetteen.
22 Maarre Naa'oom niitii ilma ifii, ta gosa Mo'aabii, Ruuti woliin, biyya Mo'aabii irraa deebite. Isaan yennaa jalqaba haammaa garbu'uu qachaa Beeteelemii geyane.