2
Ruuti Fichaa Bo'azii Keessaa Woxoo*Woxoo: Naannoo tokko tokkotti Deeggee jedhama. Qocatte
Naa'oom namicha dureessa beekkamaa, worra Eliimelekii ka te'e, Bo'az ka jedhamu, fira dhirsa isi'ii ka te'e tokko qaddiiyyu. Gaafa tokko intalti gosa Mo'aabii Ruuti, Naa'oomiin, «Me gara fichaa nama fuula isaa duratti fudhatama dhaggadhuu dhaqee duubaan woxoo qocadha» jette; Naa'oomille, «Intala tiyya, deemi» jetteen.
Maarre isiin dhaxxee, fichaa keessa worra midhaan haamu duubaan woxoo qocatte. Ada fichaan isiin woxoo qocattuun sunuu, fichaa Bo'azii worra Eliimelekiitiiyyu.
Yoosuma Bo'az Beeteelem irraa dhufee, worra midhaan haamuun, «Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatu» jedhee nageya fuudhe. Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jedhane.
Achiin duuba Bo'az, «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhee itti gaafatamaa worra midhaan haamuu gaafate.
Tajaajilichi itti gaafatamaan worra midhaan haamuu sun deebisee, «Isiin intala Naa'oom woliin biyya Mo'aabii irraa dhutte. Isiin, anaan ‹Maganne'ee, worra midhaan haamu duubaan odduu ladde'eetiiOdduu ladde'eetii: Odduu uma'aatii jechuulle hin dande'ama. woxoo qocadha› jette. Ganamaa jalqaddee haga ammaa woxoo qocataa turtee, amma gaaddisa jalatti diqqoo foora fudhatiisatti jirti» jedhe.
Achiin duuba Bo'az Ruutiin, «Intala tiyya, na dhage'i; dubartoota hojjattoota as jirtu gula woxoo qocadhu malee, fichaa kana lakkittee, fichaa dhibii keessaa woxoo qocatiisaaf hin dhaqin. Fichaa isaan haamanu ilaan qabii, isaan faana deemi. Dargaggeeyyiin dhiiraa akka si hin nunnussine ani ajajeera. Yennaa dheebotte, okkotee isaanii keessaa dhaqii uni» jedheen.
10 Achiin duuba Ruuti fuulaan lafatti gad jiddee, «Ani orma tokko yennaa te'u, ati akka naa yaadattu, fuula keeti duratti maaf fudhatama dhaggadhe?» isaan jette.
11 Bo'az ammoo deebisee, «Haga abbaan manaa keeti du'ee wonni ati haadha sodda'aa teetii goote marti, abba'aa fi haadha teeti, lafa itti dhalattelle lakkittee gara kolbaa duraan hin beennee attam akka dhutte, guutumatti martinuu natti himameera. 12 Hujii teetiif Mootiin Waan Maraa sii kaffalu. Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka bobaa isaatitti dheette kaffaltii guutuu sii kaffalu» jedhe.
13 Achiin duuba Ruuti, «Ani tajaajiltoota teeti keessaa takkaa te'uu dhabulle, waan na jajjabeessitee ana tajaajiltuu teetitti gadhi laafinnaan dubbatteef, goottaa kiyya, fuula keeti duratti ani fudhatama hin dhabin» jette.
14 Yennaa sagalee nyaataatitti Bo'az, isi'iin, «As koy, daabboo tana itto'otti cuuphadhuu nyaadhu» jedheen; maarre isiin worra midhaan haamu bira teette; Bo'azille akum'ee garbuu sanii isii dura qabe. Isiin haga quuttutti nyaattee, hambaalle hatteef. 15 Yennaa isiin woxoo qocatiisaaf kaate, Bo'az hojjatoota ifiitiin, «Odduu ladde'eelle'ee woxoo qocattuutii, isii hin xixina'a. 16 Laddee keessalle'ee luqqisaa, akka isiin woxoo qocattu lakkisa'aaf, isii hin xixina'a» jedhe.
17 Maarre Ruuti haga galgalaatitti fichaa keessaa woxoo qocatte. Achiin duuba woxoo qocatte san sukkuumattee garbuu gara kiiloo kudhanii te'e. 18 Ruuti garbuu san fudhattee gara qacha'aa dhuttee, woxoo hagam geettu akka qocatte haadha sodda'aa ta ifiititti mudhitte. Achiin duuba Ruuti nyaattee quutteertuun hambaa irraa hatte fuutee haadha sodda'aa ifiitiif kennite. 19 Haati sodda'aa ta isi'ii, «Ati adha eessaa woxoo qocatte? Eessa hujatte? Nama siif yaade san Waaqi eebbisuu ti» jetteen. Maarre Ruuti, «Maqaan namicha ani adha fichaa isaa keessa hujadhee Bo'az» jettee haadha sodda'aa ta ifiititti hinte.
20 Achiin duuba Naa'oom niitii ilma ifiitiin, «Mootiin Waan Maraa ka worra jiruu fi worra du'elle'eef arjummaa ifii hin lakkinne, isa eebbisu» jette. Ammalle Naa'oom, Ruutiin, «Namichi sun fira aanti'ii keenna; inni nama nu dhaalu» jette.
21 Achiin duuba Ruuti, «Inni ‹Haga midhaan kiyya mara haamamee fixamutti, hojjatoota tiyya biraa hin fagaatin› naan jedheera» jetteen.
22 Naa'oom, Ruutii niitii ilma ifiitiin, «Intala tiyya, dubartoota hojjattoota isaa woliin hujachuu sii woyya; fichaa nama dhibi'ii yoo dhaxxe si rakkisan fa te'a» jette. 23 Maarre Ruuti haadha sodda'aa ifii woliin le'aa, dubartoota Bo'azii hojjatanu irraa adoo hin fagaatin, haga qamadi'ii fi garbuun haamamanee fixamanutti woxoo qocatte.

*^ Woxoo: Naannoo tokko tokkotti Deeggee jedhama.

2:7 Odduu ladde'eetii: Odduu uma'aatii jechuulle hin dande'ama.