6
Mudhii Garreettaa Fardaa Afur
1 Ani ammalle ol ilaalee, garreettaan fardaan harkifamu afur gaarota sageettu'uu lamaan wodhakka'aa bayanee dhufanuun dhagge. 2 Garreettaan fardaa ka qaraa fardoo arrowaan, garreettaan lammeesso'oo fardoo daama'aan*Fardoo daamaa: Yookiin gugurraalee jechu'u., 3 ka sadeesso'oo fardoo bororaan†Fardoo borora: Yookiin fardoo adii jechu'u., ka arfeesso'oo fardoo buburre'een harkifamaniiyyu; marti isaaniituu jajjaba. 4 Achiin duuba ani ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Ee goottaa kiyya, garreettaan fardaa kun maan?» jedhee gaafadhe.
5 Inni deebisee, «Isaan kun qilleensa ol-gubba'aa ka maddii afurii ti; isaan worra Goottaa lafa duudi'ii tajaajiliisa irraa dhufane» anaan jedhe.
6 Garreettaan fardoo gugurraayye'een harkifamu gara kaabaa, ka fardoo adaadi'iin harkifamu gara seensa adu'uu, ka fardoo buburre'een harkifamu gara kibbaa deemaaraniiyyu. 7 Fardoon jajjabi yennaa baate, lafa qorqoriisaaf worraaqatteertiiyyu. Ergamaan Waaqaa isaaniin, «Lafa duudii keessa deddeema'a» jedhe. Isaanille lafa duudii keessa deddeemane. 8 Achiin duuba ergamaan Waaqaa na waamee, «Fardoon gara kaaba Baabilonii dhaxxe, mufiin Waaqaa akka qabbanoottu goote» jedhe.
Kallachi Iyaasu'utti keyame
9 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 10 «Heldaayi, Xobiiya'aa fi Yedaa'iyaa worra biyya Baabiloniititti booji'amanee deebi'ane irraa meeti'ii fi worqii fuudhiitii, gaafasuma gara mana Yosiyaasii ilma Sefaaniya'aa dhaqi! 11 Meeti'ii fi worqii fuute san kallacha hujiitii, mataa Iyaasuu hayyicha guddaa ilma Yozaadaaqii irra keyi. 12 Achiin duuba Iyaasu'uun, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Namichi damee jedhamu tokko asi jira; inni addee ifii jirutti damee baafatee waan banqaaquuf, Galma Mootii Waan Maraa hin ijaara. 13 Ka Galma Mootii Waan Maraa ijaaru isa. Ulfinna mooti'ii qabaatee, barcumaa mootumma'aa irra tee'ee hin bulcha. Hayyichi tokko barcumaa mootummaa isaa bira dhaabbata; isaan lamaanuu woliigalaa fi nageyaan hujan› jedha; 14 kallachi isaalle Heelemiif, Xobiiya'aaf, Yedaa'iya'aaf, Heenii ilma Sefaaniyaatiif Galma Mootii Waan Maraa keessatti yaadannoo hin te'a.
15 «Worri biyya fagoo le'anu, Galmi Waaqaa deebifamee yennaa ijaaramu qarqaariisaaf hin dhufan. Galmi Waaqaa yennaa deebifamee ijaarame, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan akka na erge hin beettan. Yoo isin guutumatti Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantane tun marti hin teeti» naan jedhe.