7
Fudhatama Dhaba Laama Kijibaa
1 Daariyos mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ji'a sagaleesso'oo ka «Kisluu» jedhamu, guyyaa arfeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii dhufe; 2 Kolbaan Bet'elii, worra Shaarezeriitii fi Regiimelekinii namoota isaanii woliin gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanee eebba Mootii Waan Maraa akka kadhatanuu fi 3 «Akkuma woggaa heddu'uuf godhaa turre, ji'a shaneesso'ootitti, diigama Galma Waaqaatiif laamaa, bowuulle qannaa ree?» jedhanee hayyoota Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetii fi raagota isaa, akka gaafatanuuf ergane.
4 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, 5 «Kolbaa lafaa duudi'iitii fi hayyoota duudii, ‹Woggoota torbaatama dabarane keessa, ji'a shaneesso'ootii fi torbeesso'ootitti yennaa laamtanee, boottanelle dhuguma naaf laamtanee? 6 Yennaa nyaattanuu fi untanu, ifumaafuu nyaataa unaa turtanee motii ree?
7 «‹Yerusaalemii fi qachooti ollaa isi'ii duroomanee, yennaa namooti itti heddatane, namoota adaala ollaa qacha'aa le'anu qofa adoo hin te'in, ka kutaa kibbaatii fi kooba gara seensa adu'uu jalaatiifille, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagota duriitiin dubbate kanumaa motii ree?› jedhii gaafadhu» naan jedhe. 8 Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya gara Zakaariyaasii dhufee, 9 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga'aa mura'a; woli woliif arjooma'a; wolille'eef marara'a. 10 Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina'a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina'a› jedha» jedhe.
11 Isaan ammoo dhage'uu didanee, mataa jabaatane; akka hin dhageenneefille gurra ifii cuqqaalatane. 12 Isaan seeraa fi jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade ayyaana ifiitiin karaa raagota duriitiin erge akka hin dhageenneef gadhaa ifii akka cabbi'ii jabeessane. Tanaaf mufiin guddoon Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee isaan irratti dhutte. 13 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Yennaa ani isaan waame isaan na dhage'uu waan didaneef, anille yennaa isaan na waammatane isaaniif hin dhageenne» jedha. 14 Kolbaa biyyaa adda addaa ta hin beenne keessa akka le'anu, akka bubbe'ee isaan bittinneesse. Latti dansaan isaan keessaa bayane sun ona teete; nami tokkolle achi keessa hin le'u; ittille hin galu. Akka kanaan latti sun onte.