8
Mootiin Waan Maraa Xiyoon Akka Duriititti Deebisiisaaf Waadaa Gale
Jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kolbaa Xiyooniitiif guddoo waan hinaafeef, diina isi'iititti guddoo aareera. Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, gaara Xiyoonii irra hin le'a. Yerusaalem, ‹Qachaa addatamaa› jedhantee hin waammanti; gaarri Xiyooniille gaara kiyya woyyicha jedhamee hin beekkama.
«Namooti woggaa hedduu le'anee waan dulloomanuuf, jaarsaa fi jaartiin borjoo*Borjoo: Yookiin ulee jaarsaa fi jaarti'ii ti. qabatanee, karaa Yerusaalemii keessa ammalle hin tetee'an. Karaan qacha'aalle ijoollee dhiiraatii fi durraa ta keessa taphattuun hin guutama.
«Guyyoota kanatti worra hafeef wonni kun ta hin dande'anne yoo fakkaattelle, wonni naaf hin dande'anne jirtii ree? Ani kolbaa tiyya harka worra karaa biyya aduun baatuutii fi aduun seentuu jiranu jalaa baasee, Yerusaalem keessa akka le'anu deebisee isaan hin fida; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille addatamumma'aa fi balchumma'aan Waaqa isaanii hin te'a.
«Isin worri yennaa Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramiisaaf hundeen keyamu, waan raagoti achi jirtu dubbatte dhage'iisatti jirtanu, Galma Waaqaa ijaariisaaf jabaadha'a. 10 Yennaa saniin dura namaaf, horiille'eef gatiin dadhabbi'ii hin kaffalantuuyyu. Nami duudiin ollaa ifii irratti diinumma'aan akka ka'u ka'u waan godheef, eennulle bayiisaa fi galiisaaf nageya hin qabuuyyu. 11 Amma ammoo worra hafe akka durii hin godhu. 12 Isaan nageyaan sanyii facaafatan; woyniin midhaan ifii hin buuchi; latti midhaan hin kenniti; gubbaan rooba kenna; ani waan kana mara worra hafe kanaaf hin kenna. 13 Isin worri Yihuda'aatii fi worri Israa'elii, dur kolbaa biyya adda addaa oddu'utti akka abaarsaatitti laakkowamaa turtane; ammaa ammoo ani abaarsa kana jalaa isin hin fayyisa, eebballe hin teetan; tanaaf jabaadha'a malee, hin sodaatina'a!
14 «Yennaa abbootiin teessan ta durii na aarsite, marartii malee isin adabiisaaf murteeffadhe. 15 Amma ammoo kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa eebbisiisaaf murteeffadheera; hin sodaatina'a. 16 Wonni isin godhuu qaddanu kana: dhugaa wolitti dubbadha'a. Addee kora mura'aa keessaniititti muraa dhugittii ta nageya fiddu mura'a. 17 Wol miidhiisaaf hin yaadatina'a. Dharaan hin kakatina'a. Ani kana duudii hin jibba» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
18 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, 19 «Laam ji'a arfeesso'oo, ji'a shaneesso'oo, ji'a torbeesso'ootii fi ji'a kudhaneesso'oo worra Yihuda'aatiif jila gammadaatii fi ililleetti'ii hin te'a. Isin ammoo dhuga'aa fi nageya jaaladha'a.
20 «Yennaan kolbaan hedduun qachaa hedduu keessaa gara Yerusaalemii dhuttu hin dhutti. 21 Worri qachaa tokko keessa le'u, gara worra qachaa dhibii keessa le'uu dhaqee, ‹Kowa'a! Ariifannee dhandhee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u waaqonfannee, eebba isaa kadhanna, nuutille achi dhaqaarra› hin jedhan. 22 Kolbaa heddu'uu fi gosi biyya adda addaa jajjabi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi eebba isaa kadhatiisaaf gara Yerusaalemii hin dhufan. 23 Yennaa san gosa biyya adda addaa ka afaan gara garaa dubbatanu keessaa, namooti kudhan handaara woyaa Yihudicha tokkoo qabatanee, ‹Waaqi isin woliin akka jiru waan dhageenneef isin woliin hin deenna› hin jedhan» jedha.

*8:4 Borjoo: Yookiin ulee jaarsaa fi jaarti'ii ti.